14 Wonti Lubbu qaba afraani kaani, Amini! jette, jaaroleeni lafati jidde Waaqa kad'atte.
Jennaani jaarole diddami afuritifi wonti Lubbu qaba afraani taani lafati jidde, Waaqa barch'uma guddinna gubba tau durati jidde, isa guddifte waan jette, Amini! Waaqa faarsa!
Isiini akasi tolchinaani wonti lubbu qaba afraani kaanifi, jaaroleeni diddami afuri taani Ilme Hoola durati jidde. Worri ch'ufti kiraarifi qori hit'aana ta kad'acha gumi Waaqa harka qaba.
Jennaani anini Ilme Hoola, ta jiddu barch'uma guddinna ejitu arge ta waan lubbu qaba afraanifi jaaroleeni marsite. Ilmeeni Hoola waan ijeesani fakaatti. Gaafa torbaafi ila torba qabdi; isileeni lubbu Waaqa torbaani ta lafa ch'ufati ergani.
Amini! Faarufi guddinnaafi qaroomafi galatafi ulfinnafi jabeennaafi humniti ta Waaqa keennati, ammafi hegerile! Amini!
Yo atini lubbu ch'allaani Waaqa galata deebifte, nami gumi teesani keesa tau kaani akami dandae, Amini jed'a? Inni kara waan atini jettuuni hubatu inqabu.
D'awatu barch'uma suni barch'uma diddami afuri d'ibiti jira, ammalle barch'uma suni gubba jaarole diddami afuri, ta woya adi uyifatte sure hayyuma maratteti jira.
Barch'uma suni durale waan aka galaana dawiti ka bibiliqaati jira. Ammalle d'awatu barch'uma suni, gama ch'ufa waan lubbu qaba afuriti jira ka ila duraafi duubale qabdu.
Ammalle anini millannaani malaika kunki heddu d'agaye, ta aka kunki kunki! Barch'uma guddinnatiifi waan Lubbu qaba afraanifi jaarole marsite,