Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 5:13 - KITAABA WAAQA

13 Jennaani anini waan gubba jiratiifi, ka lafa jiratiifi ka lafa jala jiratiifi, ka bisaani keesa jirale waan lafa tana keesa jira ch'ufa, ka sirba d'agaye; gara nama barch'uma guddinna gubba taufi gara Ilme Hoola. Faarufi guddinnaafi ulfinnafi jabeenni ha tahu. Haga hegeri! jed'ani.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 5:13
29 Referans Kwoze  

Aka, maro ulfinna maqa Yesotiifi, wonti gubba jiratiifi ka lafa jiratifi ka lafa jala jira ch'ufti jilbifate,


Irreefi humnaafi, guddinnaafi mid'aagumafi jabeenni keetuma. Wonti gubbafi lafa keesa jiraleeni ch'ufti keetuma, atini hayyu hayyu ch'ufa mohatu.


Ammo gubbafi lafafi lafa jala keesaleti nama woraqata suni bane keesa ilaalu d'abani.


qonqo guddooni sirbite waan jette: Ilmeeni Hoola ta ijeesani, jabeennaafi duroomafi qaroomafi irreefi ulfinnafi guddinnaafi faaru argachu malte!


Waan ch'ufa isati uume, wonti ch'ufti maro isaatiifi jirti, ammalle isaani jirti. Guddinni gara Waaqa haga hegerile ha jiraatuuti! Amini.


Inni jabeenna ammatiifi ka hegerile argatinna! Amini.


Guddinni gara Waaqa gubba ha tahu: Lafa keesale nageenni ha tahu gara jara inni eebisu.


Faaru hareetini AABBO Waaqa faarsa; lafti ch'ufti ha isa faarsitu! Isani worri baariini keesa yaufi wonti baariini keesati gala isa faarsa! Lafa fagootifi nami isi keesa tauleeni isa faarsa!


Gaareenifi d'akhaye yaamani waan jed'ani, Nurati jiga, ila nama barch'uma hayyuma gubba taufi dalansu Ilme Hoola dura nu d'ossa!


Waaqa tokocha, Qarqaarsa keenna, Aabbo keenna Yeso Kristo keesa, guddinnaafi ulfinnafi humnafi jabeenni ka duriitifi ka ammalleeni ha tahu, ammafi hegerile! Amini.


Gara Waaqa tokocha, ka waan ch'ufa beekhu, guddindindinni maro Yeso Kristotiifi tahinna, ammafi hegerile! Amini.


worri d'aloota jaarole duriiti, Kristoleeni d'aloota gula gosa worraati. Waaqa ka waan ch'ufa fidu haga jiru ha guddisani! Amini.


Jennaani anini Ilme Hoola, ta jiddu barch'uma guddinna ejitu arge ta waan lubbu qaba afraanifi jaaroleeni marsite. Ilmeeni Hoola waan ijeesani fakaatti. Gaafa torbaafi ila torba qabdi; isileeni lubbu Waaqa torbaani ta lafa ch'ufati ergani.


qaalole hayyuma Waaqa ta abba isaati hojattu nu tolche. Gara isaa guddinnaafi jabeenni ha tahu, ammafi hegerile! Amini.


Nami wo barsiisu ha dubbuma Waaqaa barsiisuti; nami hojatu ha jabeenna Waaqi kennufiini hojatuuti; aka waan ch'ufa keesati Waaqa faarsani, Yeso Kristo, ka guddinnaafi jabeenna haga hegeri qabu keesa. Amini.


gara Waaqa, gumifi Kristo Yeso keesa, guddinni ha tahuuti, haga d'aloota ch'ufa, ammafi hegerile! Amini.


Nami hafe gammadaani sirbe worri ila aduuleeni guddinna AABBO Waaqa odeese.


Sirba haraa sirbani, waan jed'ani: Aki atini woraqata fud'atte beesisa isi ch'absitu sii malte. Wonti akanatiifi si ijeesani, atini dua teetiini nama Waaqa bitte, gosa ch'ufaafi afaani ch'ufaafi lafa ch'ufa keesa.


Tanaafi isanileeni d'ugefacha keesa jabaattani dura yau maltani, aka yayaba Oduuni Dansaani isanii kennite iraa inchochoone, ammalle aka abdi gaafa Odu Dansa d'ageetani argattani iraa ingorre. Oduuni Dansaani ta nama lafa ch'ufati odeesani tana; anini Pauloleeni ya hojattu isii tahe.


Ilaalacha nutiini ind'ufiini, ammo waan hamtu nuraa d'owi.


Ufiifi barsiisa teetile eegi. Waan kana guuti: wonti akanatiifi yo atini waan kana guute ufiifi jara si ch'aqasule imbaafta.


Boriyya Yohanani Yeso gara isa d'ufu jiru arginaani waan jed'e, ilaala, ilme hoola Waaqa, ta daba nama lafa ch'ufa fud'attu.


Anini harka nama barch'uma guddinna gubba tau kaani keesati woraqata toko ka duraafi duubale t'aafani, ka beesisa torbaani ch'ufani arge.


Nami lafa jiru ch'ufti isa guddisa, akasi jechaani, nama ch'ufa ka maqa isaa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna ta Ilme Hoola ta ijeesani keesati int'aafiini jecha.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite