Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 3:7 - KITAABA WAAQA

7 Gara malaika gumi Filadelfia waan kana t'aafi: Tunini dubbi nama qulqullotiifi ka d'uga, ka fura Daudi harkaa qabu, ka yo inni bane nami tokoleeni dandae inch'umne, yokhaani yo inni ch'ufe nami tokoleeni dandae imbanne.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 3:7
38 Referans Kwoze  

Anini fura mana Daudi harka isati kenna; waan inni bane nami dandae inch'ufu, waan inni ch'ufule nami tokoleeni dandae imbanu.


Fura Finna gubba siti kenna; waan atini lafa tana keesati didde gubbaleti didani, waan atini lafati ee jette gubbaleti ee jed'ani.


Anini ka jiru! Duri la due ammo amma haga hegerile injira. Fura duisatiifi ka awaalale harkaa qaba.


Eenuti waan inni ch'abse dandae jaara? Ammalle eenuti dandae nama Waaqi hid'e hiikha?


Qonqo guddooni iyani waan jed'ani, Waaqa Gudda, qulqullofi ka d'uga! Atini yoomi worra lafaa wollaala iti murte, maro worri nu ijeeseefi worra gaargalchita?


Yesoni waan jed'eeni, Karaani ana, d'ugaafi jireennileeni ana; nami tokoleeni gara Abba ind'aqu, anaani d'aqu male.


Inni gudda taha, Ilma Waaqa Gudda jed'aniini. Aabbo Waaqi hayyu isa tolcha, akuma abaabo isaa Daudi.


iye waan jed'e, Atini maani nura qabda, Yeso Nazareti? Nu balleesu d'ufte? Anini si beekha, atini Qulqullo Waaqaati.


AABBO Waaqi waan jed'u, Israeli isani ato diqo muyole taatanile insodaatina; anini isani qarqaara. Nami isani baasu anuma, Waaqa qulqullo Israeli.


Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.


Jennaani anini gubba banamtefi farda adi arge. Nami isa yaabatu, maqaani isaa ka d'ugefataniifi d'uga; d'uga ch'allaani nama qore ammalle duula.


Gara malaika gumi Laodikia waan kana t'aafi, Tunini dubbi Amini jed'u, inni ka d'ugefataniifi ka d'ugaati, Waaqi waan ch'ufa isaani uume.


AABBO Waaqi guddaani ka si uume d'iirsa si tahe, Waaqi qulqullooni Israeli, ka lafa ch'ufa fidu, si baasa.


Sirba haraa sirbani, waan jed'ani: Aki atini woraqata fud'atte beesisa isi ch'absitu sii malte. Wonti akanatiifi si ijeesani, atini dua teetiini nama Waaqa bitte, gosa ch'ufaafi afaani ch'ufaafi lafa ch'ufa keesa.


Isiini waan jette, Waan atini argitu kana kitaaba keesati t'aafi, gara gumi torbaani tana ergi: ta Efeso, ta Smirna, ta Pergamo, ta Thiatira, ta Sardi, ta Filadelfia, ta Laodikiale.


Inni qulqullofi dansa, ammo isa diddani Pilato kad'attani aka algala toko isani hiikhani,


Lafafi gubbaani indabarti, ammo dubbini tiyya tokoleeni indabartu.


Yeso Kristoni, d'ugaani d'ugefatani, Ilmi angafa ka duisa keesaa kaasani, ka hayyu hayyoota lafa tana, eebafi nagaya isani kenninna. Inni nu jaalata, ammalle d'iiga ufitiini daba keesaa nu baase,


Eya, atini maani nura qabda Yeso Nazareti? Nu balleesu d'ufte? Anini si beekha; atini Qulqullo Waaqaati.


Isani gosa qara imbeenne yaamtani; worri qara isani imbeekhu ammo amma tana orie gara keesani d'ufa! Waan kana ch'ufa ana, AABBO Waaqa keesani, Waaqa qulqullo Israeliti, tolche, anini ulfinnaafi guddinna isanii kenna.


Sirba Musa hojattu Waaqatiifi sirba Ilme Hoola sirbu jirani: Aabbo, Waaqa Gudda, wonti atini tolchitu ch'ufti waan mamaati! Karaani kanke ka d'ugaati ammalle qajeela!


Waaqi qulqullooni Israeli, ka worra baasu, waan nama tufatani, ka gochiti ch'ufti jibbite hayyooti hojattu tolfateeni jed'u: Hayyooti si agarte, si dura kaate, sii saalfati; ilmaani hayyootaleeni akasi agarte si durati gajejette si guddifti. Wonti woni kunini taatufi waan AABBO Waaqi hojatu ufi fohate Waaqi qulqullooni Israeli kakhu ufi guutufi.


Waaqi qulqullooni Israeli, AABBOONI ka isani baasu, waan jed'u: Anini AABBO Waaqa keesani ka dansuma teesaniifi isani barsiise, kara isani yau maltani isani qajeelchu.


Nami nu baasu Waaqa qulqullo Israeliti maqaani isaa AABBO Waaqa guddaya.


Nami waan kana arge imbeekha, aka anini AABBO Waaqi akasi tolche. Ammalle aka Waaqi qulqullooni Israeli waan suni tolche inhubatani.


Duuba isani qilleensati oldarbitani, qilleensi fuud'e, bubbeeni gargari firfirsiti. Duuba isani waan anini Waaqa keesani tahefi gammaddani ana, Waaqa qulqullo Israeli, faarsitani.


Woli yaamani waan woliini jed'ani, Qulqullo, qulqullo, qulqullo! AABBO Waaqi guddaani qulqullo! Lafti ch'ufti guddinna isaatini guutamti.


AABBO Waaqi waan tolchu ch'ufa d'ugaani tolcha; waan tahu ch'ufa keesa naasu qaba.


AABBO Waaqa, atini wonte teenna; siuma Waaqa qulqullo Israeliti hayyu nuu kenne.


Yo Waaqi si qabe si hid'e gaadisa koraati si geese eenuti jalaa si baasa?


Jennaani nami barch'uma guddinna gubba tau waan jed'e, Amma anini waan ch'ufa haraa tolcha. Ammalle inni waan jed'e, Waan kana t'aafi, wonti kunini waan d'ugaati, nami dandae ind'ugefata.


Qorsumaani isaa ta d'ugatiifi ta qajeelaati! Inni ya sharmut'iti guddo ta hameenna ufitiini lafa balleesite wollaala iti mure. Waaqi ya maro isiini tissele isaa fit'eefi gaargalche jettu.


Jennaani anini qonqo fulla waan sorio, irati qalani ta, Aabbo Waaqa gudda! Qorsumaani tante ta d'ugaati jettu d'agaye.


Wonti lubbu qaba suni ch'ufti koola jaa qabdi alaafi keesale ila qabdi halkani guyya sirba illakiftu. Qulqullo, qulqullo, qulqullo, Aabbo Waaqa gudda, ka duri jiru, ka ammalle jiru, ka hegerile jiru jette sirbite.


Gara malaika gumi Efeso waan kana t'aafi: Tunini dubbi nama urji torba harka mirgicha qabuufi ka jiddu ifse worqi torbaani dedeemu.


nu duraa gora, kara nuti induuchina waan Waaqa qulqullo Israeli nuti inhimina.


Wonti akanatiifi atini dua duraa na baafte, nama atini jaalattu boola ekherati ingeesitu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite