11 Anini d'iotu d'ufa. Waan harkaa qabdu jabeesi, aka nami tokoleeni waan atini dabsatte argattu sira inhanne.
Ayyaana nama gaargala obsuuti; eegi ilaalacha dabsate, eebafi jireenna argata, ta Waaqi nama isa jaalatu d'aamate.
Yesoni waan jed'u, Ch'aqaaqasi! Anini d'iotu d'ufa! Nama ch'ufa waan inni tolche gula galata kennaafi.
Gaargala d'ufu insodaatiini! Ch'aqasi, Sheet'ani isani gari mana hid'aansa keesa buuse isani ilaalata; haga bulti kud'ani d'ipatani gaargaltani. Haga dootuuti nama d'ugefatani tahi, duuba anini eebafi jireenna sii kenna.
Ammo waan harkaa qabdani suni jabeesa, haga anini d'ufuti.
Amma galata dabsachaati na eegata, ammo sure d'ugaa ta Aabbooni jaallabi d'ugaa guyya suni naa kennuti na eegata, na ch'allaaniti ammo worra jaalalaani d'ufiisa isaa eegu ch'ufa.
Nami utaalu, aada woldogoomsu guutu male, woma inargatu.
Nami waan kana ch'ufa d'ugeesu waan jed'u, D'uguma, anini d'iotu d'ufa! Ha taatuuti. Kooti, Aabbo Yeso!
Nami dubbi faga tana soomu eeba argata, nami ch'aqase waan keesa t'aafani guutuleeni eeba argata! Wonti akanatiifi hojjaani wonti kuni taatu ya d'iaatte.
jaaroleeni diddami afuri taani nama barch'uma guddinna gubba tau kaani durati jidde isa guddifti. Sure hayyuma taani isa durati jissani waan jed'ani:
Nami utaalcha barachu fed'u ch'ufti waan infakaanne iraa ufi d'owu male; inni aka sure haga jirtu inteenne mata gubba keyatufi akasi tolcha; ammo nu, aka ta haga hegeri teetu argannuufi akana tolchina.
Barsiisa ati qara d'ageete fud'atte qaabad'u; jabeesi, daba iraa deebii. Yo atini kau didde, anini aka hattu siti d'ufa, atini hojja anini d'ufule imbeetu.
D'awatu barch'uma suni barch'uma diddami afuri d'ibiti jira, ammalle barch'uma suni gubba jaarole diddami afuri, ta woya adi uyifatte sure hayyuma maratteti jira.
Anini fulla atini teetu imbeekha, fulla barch'uma guddinna Sheet'anaati. Atini maqa kiyya jabeesite qabatte, gaafa Antipa ka guddo na d'ugeese fulla Sheet'ani tauti ijeesanile, atini d'ugefacha na d'ugefatte illakimne.
Yesoni waan jed'u, Ch'aqasi! Anini d'iotu d'ufa! Ayyaana nama dubbi faga ta kitaaba kana keesa jirtu guutuuti!
Guyyaani jabaani AABBO Waaqaa ya d'iaate — arifate d'ufu jira! Guyyaani sunini guyya laalala taha, askartiini jannileeni guyya suni ufi jibbaatte iyiti!
Woltingungumiina, oboleyaani, aka Waaqi isani inqorre. Abbaani qorsuma balbala dura eja.
Adabi keesani ka laana ha namati mullatu. Aabbooni d'iotu d'ufa.
Ch'aqasa! Anini aka hattu d'ufa! Ayyaana nama rafu dide woya ufi qorqoratu, aka qulla biyya keesa dedeeme inch'eere.