Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 22:17 - KITAABA WAAQA

17 Lubbufi intalti fuud'a, kooti jetti. Nami waan kana d'agaye ch'ufti ha kooti jed'uuti. Nami dubbi qabu ch'ufti ha d'ufuti nami fed'u bisaani jireenna ha gati male d'uguuti.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 22:17
29 Referans Kwoze  

ammo nami bisaani anini kennu d'ugu haga jiru jireennale deebie ind'eebotu. Wonti akanatiifi bisaani anini kennu suni isa keesa maddani burqa tahani, haga jiru jireennale deebie ind'eebotu.


Inni waan jed'e, Ya tolchani! Anini Alfafi Omega, anini ka qaratiifi ka eegeeti. Nama d'eebu qabu ch'ufa anini maddo jireenna keesa gati male bisaani obaasa.


Guyya eege, ka jila suni jaba, Yesoni olejate lalabe waan jed'e, Nami yo d'eebote, gara kiyya d'ufe bisaani ha d'ugu.


Akuma bisaani eela qullooni nama d'eebuu qabu gammachiisani, akasuma gumiini Waaqaa hojja inni worra baasu gammaddi.


Yesoni waan jed'eeni, Yo sila atini galata Waaqaa beete ammalle nama bisaani si kad'atu kana beete, bisaani jireenna isa kad'atta.


Aka AABBO Waaqi dansa ufumaani argi. Ayyaana isaati ka isaati d'eetu.


Ilmaani Yakoboo amma koota, ifsa AABBO Waaqi nuu kenne keesa yaana!


Malaikaani ammalle galaana bisaani jireenna naa garsiifte, ka guddo bibiliqu, ka fulla barch'uma guddinna Waaqatiifi Ilme Hoolati d'ufe.


Malaika torbaani, ta qori torba ta gaargala torba qabdu keesaa toko, gara kiyya d'ufte waan naani jette, Kooti, anini intala fuud'a sii garsiisa, niiti Ilme Hoola.


Ammalle anini Dira Qulqullo, Yerusalemu hareeti, ta gubba gara Waaqaati lafati d'uftu arge, ta mid'aasani kurfo teetu, akuma intala fuud'a ta woya mid'aadu keyatte d'iirsa eeddu.


Ammo maro tola eeba Waaqaatiifi, kara Kristo Yeso ka nama ch'ufa baasuuni, ya d'uga hereganiifi.


waan jettu, koota, gaara AABBO Waaqaa olkorre, Mana Waaqaa Yakoboo d'anna, aka inni kara ufii nu barsiise, nu daandi isaani gula yaanu. Wonti akanatiifi dubbini AABBO Waaqaa Yerusalemu keesaa baati, Seeri isaaleeni Sioni iraa d'ufa.


Anini Yesoni, ya malaika tiyya isaniti erge, aka waan kana gumiti himu. Anini hiddafi d'aloota Dauditi; anini bakalcha ganamaani ifsu.


Nami gurra qabu, waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu! Nama dabsatu anini mid'aani mukha jireenna, ka oobru Waaqa keesati bahu, nyaachisa.


Worri kara Sioni gaafate achi yaa. Duuba worri wold'aqisa jiru jireenna ka na woliini tolfate kaani, deebie inch'absu.


Nu lubbu lafa tana inarganne; ammo Lubbu Waaqi nuti erge arganne, aka nu waan Waaqi nuu kenne ch'ufa barannu.


iti yaate waan jettu, Koota, gaara AABBO Waaqaa olkorre Mana Waaqa Yakobo d'anna, aka inni kara ufii nu barsiise, nu daandi isaa gula yaanu. Wonti akanatiifi dubbini AABBO Waaqaa Yerusalemu keesaa baati, seeri isaaleeni Sioni iraa d'ufa.


Koota, nama waan anini duri tolche ch'ufa nati hime ilaala. Kunini Kristo taha? jette gaafate.


Jennaani namichi fulla balbala Mana Waaqati na deebise. Bisaaniti balbala suni jala ilaboru yaa, gara Mani Waaqa fuula deefatu. Bisaani suni Mana Waaqa gama bita jala yaani, waan sorio irati baasani kaani moga bitaa qajeelani.


Niitiini taani waan jetteeni, Aabbo, atini waan woraabduuni inqabdu, eelileeni guddo gadi qile, eesa bisaani jireenna suni argatta re?


wonti akanatiifi Ilmeeni Hoola ta jiddu barch'uma guddinna jirtu worraa tissite, gara bisaani jireenna geesiti; duuba Waaqi imimaani ch'ufa ila worra iraa haaqa.


Jennaani anini qonqo gubba baate ta, Waan kana t'aafi, Ayyaana isaa nama armaa achi huji Aabbo keesati duu jettu d'agaye! Lubbuuni waan jettu, D'uguma akasi. Worri suni huji jabdu iraa boqota, waan hujiini worraa worra gula deemtuufi.


Jari lamaani kaani waan inni jed'e d'ageennaani Yeso gula yae.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite