Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 22:16 - KITAABA WAAQA

16 Anini Yesoni, ya malaika tiyya isaniti erge, aka waan kana gumiti himu. Anini hiddafi d'aloota Dauditi; anini bakalcha ganamaani ifsu.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 22:16
30 Referans Kwoze  

Jennaani jaarsi toko waan naani jed'e, Imbohiini, ilaali! Nyeench'i gosa Yuda, ka d'aloota Daudi, ya dabsate, inni beesisa torbaani ch'abse woraqata banu indandaa.


Nu d'aamsa raagooti nuti himte aka dansa beenna. Yo waan kana aka dansa ch'aqaftani, waan dansa tolchitani; wonti akanatiifi inni aka ifse dukana keesa ifsitu jira, haga lafti bariite urjiini ganama gara keesaniti ifsituuti.


D'alooti Yese hunda mukha murani fakaata; ammo akuma dameeni latte hunda suni iraa baatu, akasuma hayyuuni d'aloota isa keesa d'alata.


Anini Yohanani gara gumi torba ta lafa Asia keesa jirtu waan kana t'aafa: Waaqi ka amma jiruufi ka durile jiru, ammalle ka hegerile jiruufi lubbu torbaani ta barch'uma isaa dura teteetufi


Nami waan kana ch'ufa d'ugeesu waan jed'u, D'uguma, anini d'iotu d'ufa! Ha taatuuti. Kooti, Aabbo Yeso!


Waan Kristo maani hereddani? Inni ilma eennu? Inni ilma Daudi jed'aniini.


Jennaani malaikaani waan naani jette, Dubbini tunini ta d'ugaati, ta d'ugefachu malani. Aabbo Waaqi, ka Lubbu ufi raagoota ufiti keenne, malaika ufi erge, aka hojattu ufi waan d'iotu taha agarsiisu.


Tunini waan Waaqi Yeso Kristoti mullise, aka inni waan d'iotu taha hojattu Waaqaa agarsiisu. Kristoni malaika ufi Yohanati erge waan kana beesise.


Duuba waan jettuuni, AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Namichi Dame jed'ani sunini aka dansaa fulla jiru suniiti late bahe Mana AABBO Waaqaa jaara.


Anini waan taka tana laale gosa Israeli arga. Hayyu bakalcha fakaatuti gosa Yakobo keesa bahe, aka urji deemtu Israeli keesaa d'ufa. Inni worra Moabu gugurda d'ae, worra Sethi ch'ufa d'aana.


Nami gurra qabu, waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu!


Nami gurra qabu, waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu!


Nami gurra qabu, waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu!


worri d'aloota jaarole duriiti, Kristoleeni d'aloota gula gosa worraati. Waaqa ka waan ch'ufa fidu haga jiru ha guddisani! Amini.


Nami hamaani ha waan hamtu tolchuuti, t'urichi ha waan t'uri tolchuuti; nami dansaani ha waan dansa tolchuuti, qulqullooni ha waan qulqullo tolchuuti.


Malaikaani ammalle galaana bisaani jireenna naa garsiifte, ka guddo bibiliqu, ka fulla barch'uma guddinna Waaqatiifi Ilme Hoolati d'ufe.


Nami gurra qabu waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu! Nama dabsatu anini sagale manna jed'ani ta d'ossani kennaafi. Ammalle ch'abbi adi ta maqa hareesa irati t'aafani, ka nama argatu male nami d'ibiini imbeenne kennaafi.


Waaqi keenna hojja ch'ufa naasu qaba; inni kayyo ta aka adu gubba nuti ifsa,


Nami gurra qabu, waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu! Nama dabsatu anini mid'aani mukha jireenna, ka oobru Waaqa keesati bahu, nyaachisa.


Yo Daudini Aabbo isaani jed'e, Kristoni akami ilma Daudi taha re?


Kunini kitaaba maqa worra Yeso Kristoni keesaa d'alate. Yeso Kristoni d'aloota Daudi, Daudini d'aloota Abrahamu.


Nami gurra qabu, waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu! Nami dabsatu duisa lameesotiini ingaargalu.


Hayyu Babiloni, bakalcha ganama, atini yayu gubbaa gabuute! Atini duri gosa heddu dabsatte ammo amma tana yayu lafa si buusani.


Ammalle Isayani waan jed'u, Nami d'aloota Yese ind'ufa; inni olkaeti gosa d'ibi fida; isiini abdi ufi isa gubbaa keyatti.


Isiini waan jette, Waan atini argitu kana kitaaba keesati t'aafi, gara gumi torbaani tana ergi: ta Efeso, ta Smirna, ta Pergamo, ta Thiatira, ta Sardi, ta Filadelfia, ta Laodikiale.


Daudinu, Aabbo isaani jed'e; duuba Kristoni akami dandae ilma isaa taha re?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite