Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 22:15 - KITAABA WAAQA

15 Ammo moga dira, worra hamamafi falfaltufi algalaafi ka nama ijeesufi ka waan harkaani boch'ani kad'atuufi nama dubbifi hujiini kiyyibuuti jira.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 22:15
29 Referans Kwoze  

Ammo nama daafanafi kiyyibafi hamafi nama nama ijeesufi algalaafi ka murma baafatufi ka waan harkaani boch'ani guddisuufi ka nama sobu, fullaani worraa galaana ibidaati, ka duisa lameeso.


Worra waan hamtu tolchu fed'u, sareele, nama intahiini, ka nafa namaa ch'iru fed'u eegad'a.


Ammo wonti t'uri qaba tokoleeni keesa inseentu, yokhaani nami waan ch'eera tolchuufi ka d'ara dubbatuleeni. Worra maqa isaani kitaaba jireenna ka Ilme Hoola keesati t'aafani ch'allati seena.


Maro waan kanatifi dalansuuni Waaqa worra isa inch'aqamneti d'ufti.


Ifse deebiani si keesati inargani; qonqo intala fuud'atifi gurba fuud'a deebiani si keesati ind'agayani. Daldaltuuni tante duri daldaltu lafa ch'ufa ira jirti, hamaatte atini falfala d'araatiini nama lafa ch'ufa sobde jed'ani.


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Anini qorsumafi isaniti d'ufa, ammalle anini maruma toko worra falfala tolchu taanaani, d'iirafi nad'eeni aada male wolti yaatu taanaani, nama d'ara d'ugeesu taataanaani, ch'ubbicha nama hojattu isaati hori baasu didu taanaani, nama haad'a hiyyeesatiifi hiyyeeyi dabsu taanaani, nama keessuma ulfeesu didu taanaani, ammalle nama ch'ufa ka na insodaanne, d'uga intahuufi.


Worri ch'ufti isa ch'aqase waan inni huji yuuboomatiini guyya heddu worra sobeefi.


raagooti dubbi d'ara ch'alla fadde; qaaloleeni dubbi worraa gula yaate, gumiini tiyyaleeni waan suni iti quufte. Ammo guyya muumme maani tahani?


Arma fulla qorsumati koota, dabdoole! Isani falfaltufi nama nad'eeni biyya baratufi sharmut'a ira injirtani.


Ammo nami Finna suni iti d'alate dukana ala keesa buusani, achiti nami bohe ilkaani qara.


Murmafi falfala kanke kana tolfachuma tolfad'i, illakisini, ka atini haguma d'alate tolchuu jirtu. Hegeri wonti sunini si qarqaarte nyaapa kanke sodaachifti fa.


Ammo d'iotu guyya tokotu, gaargali si qabate, ato haga feetu falfala tolfattele d'iirsafi ilmaanile d'abda.


Ahabuni waan jed'eeni, Ee, toko d'ibiti jira, ka Mikaya ilma Imla jed'ani. Ammo anini isa injibba; wonti akanatiifi inni waan hamtu male waan dansa na infagu. Yehoshefathini waan jed'eeni Akasi, injed'ini.


Isani kana keesa eennuti anaa daba tolchu taka arge? Yo ani d'uga dubbad'e, isani maafi na ind'ugefanne?


Ammalle beese kara sharmut'oma kanaani argatani Mana AABBO Waaqa keesani d'uftani, waan kakhatani Waaqaa baaftani tolchitani imbaasina. AABBO Waaqi sharmut'oma akana kana guddo jibba.


Nami mana isii d'aqu seera nama boola ekhera deemu, karaani gabaabani duati nama geesu kana.


AABBO Waaqi kiyyiba jibba, ammo nama dubbi ufi guutu iraa gammada.


Waan qulqullo saree inkennani; ammalle booyye dura dooqa imbuusina, aka isiini miilaani ira ejaanjatte isaniti garagalte isani inyaanne.


sharmut'afi midiisafi, nama nama d'ibi hatufi ka d'ara dubbate kiyyibu, yokhaani ka barsiisa d'uga lakise waan d'ibi tolchu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite