Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 22:1 - KITAABA WAAQA

1 Malaikaani ammalle galaana bisaani jireenna naa garsiifte, ka guddo bibiliqu, ka fulla barch'uma guddinna Waaqatiifi Ilme Hoolati d'ufe.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 22:1
30 Referans Kwoze  

wonti akanatiifi Ilmeeni Hoola ta jiddu barch'uma guddinna jirtu worraa tissite, gara bisaani jireenna geesiti; duuba Waaqi imimaani ch'ufa ila worra iraa haaqa.


ammo nami bisaani anini kennu d'ugu haga jiru jireennale deebie ind'eebotu. Wonti akanatiifi bisaani anini kennu suni isa keesa maddani burqa tahani, haga jiru jireennale deebie ind'eebotu.


Inni waan jed'e, Ya tolchani! Anini Alfafi Omega, anini ka qaratiifi ka eegeeti. Nama d'eebu qabu ch'ufa anini maddo jireenna keesa gati male bisaani obaasa.


Hojja guyyaani sunini gahe, bisaani ch'ulkiini Yerusalemu keesaa yaani, hagi toko galaana ilaboruti yaani, hagi tokoleeni baariini ila galchuti yaani. Bisaani suni hojja roobatiifi hojja bonale ch'ufa yaani.


Galaanati jira, ka dira Waaqaa gammadani iti d'ufu, Mana qulqullo Waaqaa guddati.


Lubbufi intalti fuud'a, kooti jetti. Nami waan kana d'agaye ch'ufti ha kooti jed'uuti. Nami dubbi qabu ch'ufti ha d'ufuti nami fed'u bisaani jireenna ha gati male d'uguuti.


Ee AABBO Waaqa, nami Israeliini abdatu sii, nama si lakisu ch'ufa inch'eersani. Worri akuma maqa d'uke keesati t'aafani bada, waan si AABBO Waaqa, bisaani madda jireenna lakiseefi.


Wonti akanatiifi gumiini tiyya yayu kara lamaani ch'ubbu tolchite: Worri yayu ana madda inch'inne lakise, qaba bisaani, ta babaqat'e bisaani keesa inteenne heddu qotate.


Anini gaara gubbaani isaa adaala ira galaana yaase, baleele maddisiisa, anini lafa gamooji haro bisaani tolche, lafa goddule madda bisaani tolche.


Nama dabsatu anini d'awatu tiyya barch'uma kiyya ira teesisa, akuma anini dabsad'e amma Aabbo woliini barch'uma isaa ka guddinna ira tau.


Ya harka mirgicha Waaqati olfuud'ani, inni Lubbu Qulqullo isa ira argate, akuma Abbaani kakhate; wonti isani amma argitani d'ageettani kunini qarqaarsa inni nuu kenne.


ka guddinna Waaqatiini bibiliqu na agarsiifti diri aka d'akha ch'ululuqe bisaani qullo ch'ulkicha fakaata.


Ammo yo Qarqaarsi d'ufu, ka anini gara Abba kiyyati ergu, Lubbu d'uga, ta gara Abbati baatuuti na d'ugeesa.


Jennaani anini waan gubba jiratiifi, ka lafa jiratiifi ka lafa jala jiratiifi, ka bisaani keesa jirale waan lafa tana keesa jira ch'ufa, ka sirba d'agaye; gara nama barch'uma guddinna gubba taufi gara Ilme Hoola. Faarufi guddinnaafi ulfinnafi jabeenni ha tahu. Haga hegeri! jed'ani.


Ato sila seera kiyya ch'aqaftani, nageenni aka galaana haguma jiru inch'inne isaniti yae, d'ugaani teesanileeni akuma d'awa galaana isaniti d'ufti.


Jennaani anini Ilme Hoola, ta jiddu barch'uma guddinna ejitu arge ta waan lubbu qaba afraanifi jaaroleeni marsite. Ilmeeni Hoola waan ijeesani fakaatti. Gaafa torbaafi ila torba qabdi; isileeni lubbu Waaqa torbaani ta lafa ch'ufati ergani.


AABBO Waaqi waan jed'u, Anini hormaata haga jiru jireennatini isii d'ufe, hormaati gosa ch'ufaa akuma laga yae inch'inne isaniti yaa. Isani daima haati hoosifate hamparte ufirati sirbisiftu fakaatani.


Tunini waan Waaqi Yeso Kristoti mullise, aka inni waan d'iotu taha hojattu Waaqaa agarsiisu. Kristoni malaika ufi Yohanati erge waan kana beesise.


Malaika torbaani, ta qori torba ta gaargala torba qabdu keesaa toko, gara kiyya d'ufte waan naani jette, Kooti, anini intala fuud'a sii garsiisa, niiti Ilme Hoola.


Jennaani malaikaani waan naani jette, Dubbini tunini ta d'ugaati, ta d'ugefachu malani. Aabbo Waaqi, ka Lubbu ufi raagoota ufiti keenne, malaika ufi erge, aka hojattu ufi waan d'iotu taha agarsiisu.


Yo guddinni Waaqa isa keesa mullate, yoosi Waaqumati guddinna Ilma Nama mullisa, ammalle hurrise mullisa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite