Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 21:6 - KITAABA WAAQA

6 Inni waan jed'e, Ya tolchani! Anini Alfafi Omega, anini ka qaratiifi ka eegeeti. Nama d'eebu qabu ch'ufa anini maddo jireenna keesa gati male bisaani obaasa.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 21:6
26 Referans Kwoze  

Yesoni waan jed'eeni, Yo sila atini galata Waaqaa beete ammalle nama bisaani si kad'atu kana beete, bisaani jireenna isa kad'atta.


wonti akanatiifi Ilmeeni Hoola ta jiddu barch'uma guddinna jirtu worraa tissite, gara bisaani jireenna geesiti; duuba Waaqi imimaani ch'ufa ila worra iraa haaqa.


ammo nami bisaani anini kennu d'ugu haga jiru jireennale deebie ind'eebotu. Wonti akanatiifi bisaani anini kennu suni isa keesa maddani burqa tahani, haga jiru jireennale deebie ind'eebotu.


Atini madda jireennati, maro ifsa keetitifi nu ifse agarra.


Inni Ilma ufile nu ind'owanne, ammo nu ch'ufaa baase! Inni ka Ilma ufi nuu kenne, waan nu feenu ch'ufa tolaani nuu inkennu?


Lubbufi intalti fuud'a, kooti jetti. Nami waan kana d'agaye ch'ufti ha kooti jed'uuti. Nami dubbi qabu ch'ufti ha d'ufuti nami fed'u bisaani jireenna ha gati male d'uguuti.


Aabbo Waaqi guddaani waan jed'u, Anini Alfafi Omega, ka amma jiruufi ka durile jiru ammalle ka duranale jiru.


Ammo maro tola eeba Waaqaatiifi, kara Kristo Yeso ka nama ch'ufa baasuuni, ya d'uga hereganiifi.


Anini Alfafi Omega, ka qaratiifi ka eegee, iti keyachafi muumme.


Jennaani malaikaani torbeeso qori ufi qilleensati jissite. Qonqooni guddooni barch'uma hayyuma ka Mana Waaqa keesa jiru keesaa baate waan jette, Ya tolchani!


Akuma bisaani eela qullooni nama d'eebuu qabu gammachiisani, akasuma gumiini Waaqaa hojja inni worra baasu gammaddi.


Isa arginaani anini miila isati jige, akuma waan due tahe. Ammo inni harka mirgicha nara kaye waan naani jed'e, Insodaatiini! Anini ka qaratiifi ka eegeeti.


Nu lubbu lafa tana inarganne; ammo Lubbu Waaqi nuti erge arganne, aka nu waan Waaqi nuu kenne ch'ufa barannu.


Wonti akanatiifi gumiini tiyya yayu kara lamaani ch'ubbu tolchite: Worri yayu ana madda inch'inne lakise, qaba bisaani, ta babaqat'e bisaani keesa inteenne heddu qotate.


maqa Waaqa ka haga hegeri jiruufi ka gubbafi waan keesa jira ch'ufa uume, lafafi waan keesa jira ch'ufaafi galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumeeni kakhate. Malaikaani waan jette, ammaa achi wonti kunini iti deebite inturtu.


Gaafasi gaareeni mukha zabibu baaftu daad'iini iraa jidde, kubile aanaani iraa lolaani; lagi lafa Yuda ch'ufti iyyaa. Madditi Mana Waaqa keesaa yaate Bale Shitimuti naqati.


AABBO Waaqi waan jed'u, Anini worra fayyise deefad'e, garaa kiyya ch'ufaani jaalad'e, iti deebie worrati indallanu.


Nami gari worqiini ijaara, ka gari qarsi, ka gari d'akha gati guddo qabu, ka gari mukha, ka gari buuyofi aalaani ijaara.


Isiini waan jette, Waan atini argitu kana kitaaba keesati t'aafi, gara gumi torbaani tana ergi: ta Efeso, ta Smirna, ta Pergamo, ta Thiatira, ta Sardi, ta Filadelfia, ta Laodikiale.


Tanaafi nami tokoleeni maro waan nami tolchu ufi inguddisiini. Wonti ch'ufti teesani:


Apolooni eennu? Pauloni eennu? Nuuni lachu hojattu Waaqaati ka isani d'ugefachiise. Nuuni ch'ufti huji ta Aabbooni nuu kenne tolchina:


Niitiini taani waan jetteeni, Aabbo, atini waan woraabduuni inqabdu, eelileeni guddo gadi qile, eesa bisaani jireenna suni argatta re?


Gara malaika gumi Laodikia waan kana t'aafi, Tunini dubbi Amini jed'u, inni ka d'ugefataniifi ka d'ugaati, Waaqi waan ch'ufa isaani uume.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite