Ee Yerusalemu, lafaa kai, garaa jabaad'i! Ee dira qulqullo, woya mid'aadu keeyad'i! Worri Waaqa imbeenne, ka aada inqamne, deebie fullo teetiini oli inseenu.
Kara gudda tokoti achi jira, ka kara Qulqullooma jed'aniini. Nami ch'ubbu qabu, ka kara suni suni gula deemu injiru, daalleleeni nama kara suni gula deemu iraa ingorsitu.
Ammo nama daafanafi kiyyibafi hamafi nama nama ijeesufi algalaafi ka murma baafatufi ka waan harkaani boch'ani guddisuufi ka nama sobu, fullaani worraa galaana ibidaati, ka duisa lameeso.
Nami lafa jiru ch'ufti isa guddisa, akasi jechaani, nama ch'ufa ka maqa isaa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna ta Ilme Hoola ta ijeesani keesati int'aafiini jecha.