Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 21:22 - KITAABA WAAQA

22 Anini Mana Waaqa dira suni keesati ingarre, wonti akasitiifi Mani Waaqa suni Aabbo Waaqa Guddafi Ilme Hoola.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 21:22
25 Referans Kwoze  

Ammo guyyaani ind'ufa, ammalle arma jira, ka nami aka d'uga kad'atu lubbufi d'ugaani Abba kad'atu. Nama akana kana Abbaani barbaada aka isa kad'atu.


Ammo qarale eenuti dandae Mana Waaqaa jaara, ka ufiftu gubbaleeni, ta akasi ballo, dandeete isa imfuune? Anini eenu re, ka fulla hit'aana iti aarsani male dandae mana isaa jaaru?


AABBO Waaqa, d'uguma atini lafa irati ingalta? Gubbaleeni ato ballo akami tateele si infuutu, duuba Mani anini jaare kunini akami dandae si fuud'a?


Aabbo Waaqi guddaani waan jed'u, Anini Alfafi Omega, ka amma jiruufi ka durile jiru ammalle ka duranale jiru.


Jennaani anini qonqo fulla waan sorio, irati qalani ta, Aabbo Waaqa gudda! Qorsumaani tante ta d'ugaati jettu d'agaye.


Jennaani anini Ilme Hoola, ta jiddu barch'uma guddinna ejitu arge ta waan lubbu qaba afraanifi jaaroleeni marsite. Ilmeeni Hoola waan ijeesani fakaatti. Gaafa torbaafi ila torba qabdi; isileeni lubbu Waaqa torbaani ta lafa ch'ufati ergani.


Wonti akanatiifi qit'oomi Waaqa ch'ufti nafuma Kristo keesa jira,


Yesoni waan jed'eeni, niiti tana, na d'ugefad'u, guyyaani ind'ufa ka gaara kanaafi Yerusalemu keesaleti! Abba inkad'anne.


AABBO Waaqi waan jed'u, gubbaani barch'uma kiyya, lafti fulla anini miila d'ad'abad'u. Mani isani naa jaartani me re? Fullaani anini hafuura iti baafad'u eesa taati?


Sirba Musa hojattu Waaqatiifi sirba Ilme Hoola sirbu jirani: Aabbo, Waaqa Gudda, wonti atini tolchitu ch'ufti waan mamaati! Karaani kanke ka d'ugaati ammalle qajeela!


Waan jette, Aabbo Waaqa Gudda, ka ammafi durile jiru! Nu galata sii deebimna, waan atini jabeenna kanke agarsiifte finna lafa iti keyatteefi!


Wonti lubbu qaba suni ch'ufti koola jaa qabdi alaafi keesale ila qabdi halkani guyya sirba illakiftu. Qulqullo, qulqullo, qulqullo, Aabbo Waaqa gudda, ka duri jiru, ka ammalle jiru, ka hegerile jiru jette sirbite.


Maro fed'i Waaqaatiifi Ilmi qit'ooma Waaqaa ufi keesaa qaba.


Anaafi Abbaani kiyya nama taka.


AABBO Waaqa, d'uguma atini lafa ira nama woliini inteeta? Gubbaleeni ato ballo akami tateele si ingeetu, duuba Mani anini jaare kunini akami si gaha?


Sheeftiini qara qabdu afaani isaa keesaa baate, ta inni gosa ch'ufaani dabsatu. Inni ule sibiilatiini worra fide, daad'i dalansu Waaqa Gudda ch'unfa.


Tunini lubbu jinni ta waan mama tolchitu. Lubbuuni tunini sadeeni gara hayyoota lafa ch'ufa yaati, aka hayyoota tana guyya jaba ka Waaqa Gudda had'iisafi wolti yaamtu.


Inni waan jed'eeni, Waan kana ch'ufa agartani? Waan anini isaniti himu, d'akhaani tokoleeni woli irati inhafu, ch'ufa gargari jissani.


Maro waan kanatifi halkani guyya barch'uma Waaqa dura ejaanjani Mana Waaqa keesati isaa hojatani. Nama barch'uma gubba tau suniti worra woliini tae worra qorqorata.


wonti akanatiifi Ilmeeni Hoola ta jiddu barch'uma guddinna jirtu worraa tissite, gara bisaani jireenna geesiti; duuba Waaqi imimaani ch'ufa ila worra iraa haaqa.


Worri suni nama nad'eeniini ufi int'ureesiini, ka taka nad'eeni imfuud'iini. Fulla Ilmeeni Hoola deemtu ch'ufa gula deemani; ya nama lafa ch'ufa keesaa worra baasani, ammalle worri suni worra qara ka Waaqafi Ilme Hoolati baasani.


Yo guddinni Waaqa isa keesa mullate, yoosi Waaqumati guddinna Ilma Nama mullisa, ammalle hurrise mullisa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite