1 Jennaani anini gubba haraafi lafa hareeti arge. Lafa qaratiifi gubbaani qara badde, galaanileeni bade.
Ammo nu waan Waaqi nuu kakhate lafa hareetifi gubba hareeti d'ugani guutamte teenne eeganna.
Ammalle AABBO Waaqa waan jed'e, Akuma gubba haaraafi lafti hareetini jabeenna kiyyaani teetu, akasuma d'alootafi maqaani keesani taa.
Jennaani nami barch'uma guddinna gubba tau waan jed'e, Amma anini waan ch'ufa haraa tolcha. Ammalle inni waan jed'e, Waan kana t'aafi, wonti kunini waan d'ugaati, nami dandae ind'ugefata.
Ammo Guyyaani Aabbo aka hattu d'ufa. Guyya suni gubbaani iyana guddooni badde, wonti gubba jira ch'ufti gubatte hobaate, lafafi wonti isi keesa jira ch'ufti imbaddi.
Jennaani anini barch'uma guddinna adi guddafi nama ira taule arge. Lafafi gubbaleeni isa dura baqatte, fulla d'abde.
Guyya suni Waaqi goraade jabdu aka male qara qabduni goorjama Lewiathani jed'ani, ka bisaani keesati galu, ka ufi garagalche aka bofa lohu, gaargalcha.
Jennaani bineensi afuri, ka gosa gosa, Baariini suni keesaa gadi yae.
Jennaani anini bineensa toko ka galaana keesaa bahu arge. Gaafa kud'anifi mata torba qaba, gaafa ch'ufa ira sure hayyumati jira, mata ch'ufa irati maqa hamama t'aafani.
Ammo worri ch'ubbuu baariini wold'au fakaata, ka d'awani isaa ejachu dide t'uriifi d'oqeeni d'uftu.
Nami atini baafte, gammadaani dira Yerusalemuti deebie sirbe qilit'ama. Worri haga jiru gammada, deebie bohe ilaalefatu.
uumama ch'ufaa guyya toko tissooma shama keesaa baasani, balchooma dansa ka ilmaani Waaqa qabdu argata.
Gubbaani aka woraqata dachaasani badde, gaarafi lafti jiddu bisaani keesa jirtu ch'ufti fulla ufiiti deemte.