Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 2:17 - KITAABA WAAQA

17 Nami gurra qabu waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu! Nama dabsatu anini sagale manna jed'ani ta d'ossani kennaafi. Ammalle ch'abbi adi ta maqa hareesa irati t'aafani, ka nama argatu male nami d'ibiini imbeenne kennaafi.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 2:17
24 Referans Kwoze  

Ee Yerusalemu, gochiti ch'ufti d'uga tante agarte, hayyooti worraa ch'ufti guddinna kanke argiti; maqa hareesa AABBO Waaqi sii kennuni si yaamani.


Gumiini anini fohad'e maqa keesanini nama abaarti. Ana, AABBO Waaqa guddati, isani fit'a; ammo nama naa saalfatu maqa haareesa kennaafi.


Nami gurra qabu, waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu! Nami dabsatu duisa lameesotiini ingaargalu.


Nami gurra qabu, waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu! Nama dabsatu anini mid'aani mukha jireenna, ka oobru Waaqa keesati bahu, nyaachisa.


Worri suni barch'uma guddinnatiifi waan lubbu qaba afraanifi jaaroleti fuula deefate sirba haraa sirbe, ka nami tokoleeni dandae imbeenne worra male. Nami lafa keesa jiru ka baasani worruma ch'alla.


Nami gurra qabu, waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu!


Nami gurra qabu, waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu!


Wonti akanatiifi isani qara ya dootani, jireenna keesani Kristo woliini ya Waaqa keesati d'ossani.


Ammo nami Lubbu Waaqa inqamne dandae kenniti Lubbuuni Waaqa namaa kennitu inargatu. Inni dandae inhubatu, woma tokole iti imfakaatu; wonti akanatiifi nama Lubbu Waaqa qabu ch'allati dandae hubata.


Yesoni waan worraani jed'e, waan Finna gubba ka d'ossani ya isani barsiisani, ammo worra imbarsiimne.


Tanaafi AABBO Waaqi guddaani waan jed'u: Worri na kad'ate seera kiyya guutu aka dansaa nyaata d'ugaati qaba ammo isani gaargala beelafi d'eebu qabdani. Worri ingammada, ammo isani inch'eersani.


Wonti akanatiifi AABBO Waaqi nama hameenna tolchu jibbe, nama d'uga tolchu wahelfate, d'ossani woi iti hima.


Nu sagale guddo atini nu kennite sooranne; dansuma tante ta aka galaana yaatu d'unna.


AABBO Waaqi nama isa sodaatu jaala tahe wold'aqisa inni worra woliini tolfate jabeesa.


Ammo inni waan worraani jed'e, Anini sagale isani imbeenne qaba.


AABBO Waaqi waan nama akasi sunini jed'u: yo atini naa saalfate, guyya Sabato jabeesite waan na gammachiisa tolchite wold'aqisa kiyyale jabeesite,


Abbumati garaa hameennaafi gammada ufile beekha, nami d'ibiini dandae waan isaa keesa imbeekhu.


Jennaani Musani waan Harunini jed'e, Eele faara fuud'i, sagale Manna jed'ani t'aasa lama dadu tokoti naqi, fuula AABBO Waaqa dura kayi, aka ilmaani teenna taka tana argitu.


maqa kanke mana kiyya keesafi gumi tiyya keesaleti inuma qaabatani, haga nama ilmaani d'iiratifi ta dubra qabule ira. Haga jiru jireenna si inded'ani.


Woya isatiifi miila isaa gubbati maqa isaa t'aafani, Hayyu hayyoota, Aabbo abbooti ch'ufa jed'ani.


Yo nami gurra qabaate ha d'agayu.]


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite