3 Ammalle iyani, Waaqa faarsa! Aari dira gudda haguma jiru oldeema! jed'ani.
Isiini halkani guyya ind'aamtu, aarileeni haga jiru jireenna keesaa yaa, bara ch'ufa lafti badde akanumati ona taate, deebie miili namaa keesa inejatu.
bohani waan jed'ani, Diri aka dira gudda kana tokoleeni lafaa wa jira?
Hayyooti lafa tana isi woliini rafte, hameenna tolchite, aara gubacha isii keesa yau argite booti.
Aari ibida worra gaargalchu haga hegeri oli deema. Nama bineensafi akheekha isaa kad'atuufi ka beesisa maqa isaa argate ufira qabuleeni boqota inargatu.
Eegi waan kana anini waan aka qonqo guddo ta nama heddu gubba d'agaye ta, Waaqa faarsa! Baafamafi guddinnaafi jabeenni ka Waaqa keennati!
Inni gara lafa Sodomafi Gomoratiifi bale lafa suni ch'ufa millate jennaani aara gudda lafa suni keesaa kau, ka aka aara boola ibida keesaa bahu fakaatu, arge.
Sodomafi Gomorafi dira lafa suni ch'ufa qaabad'a! Worri dira suni waan malaikaani taate tolche, sharmut'omafi hameenna taka inargiini gula yae: Duuba gaargala ibida argate aka akasiini nama ch'ufaa gorsa tahu.
Worra ch'ubbuu ha lafaa d'abani. Lubbu tiyya AABBO Waaqa faarsi! AABBO Waaqa faarsi!
Jennaani jaarole diddami afuritifi wonti Lubbu qaba afraani taani lafati jidde, Waaqa barch'uma guddinna gubba tau durati jidde, isa guddifte waan jette, Amini! Waaqa faarsa!