Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 19:20 - KITAABA WAAQA

20 Bineensa kaanifi raaga d'ara, ka waan mama isa durati tolche, woliini qabani. Inni qara waan mama kanaani worra beesisa bineensa ufiraa qabu sobe, worra fakeenna bineensa ka boch'ani kad'atele. Bineensafi raagi d'ara, ato jiranu, galaana ibida keesa buusani gubani.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 19:20
30 Referans Kwoze  

Jennaani Sheet'ana, ka worra sobe, galaana ibida keesa buusani, fulla bineensafi raaga d'ara qara buusani, halkani guyya haga hegeri worra gaargalchani.


Ammo nama daafanafi kiyyibafi hamafi nama nama ijeesufi algalaafi ka murma baafatufi ka waan harkaani boch'ani guddisuufi ka nama sobu, fullaani worraa galaana ibidaati, ka duisa lameeso.


inni daad'i dalansu Waaqa d'uga, ta ato ilaafisiini mudunu dalansu isati naqani! Ammalle ibidafi qanqeeni fuula malaika qulqullofi Ilme Hoola durati isa gaargalchani.


Duri duri, fulla ibidi guddaani toko hayyu Ashuru iti gubu kurfeesani. Fullaani sunini gadi qile, ammalle ballo, qoraanileeni arti miju. Duuba AABBO Waaqati hafuura isaatini ibida gabaase guba.


Gaafi kud'ani, ka atini agarte, hayyoota kud'ani, ta ammalle imohatiini, ammo ta jabeenna mohatuuni, bineensa woliini, haga saa toko iti kennani.


Oobruuni teesani adaala, ta d'akha daalachafi soodi ch'allaani gubba jiru. Woma tokole imbaaftu ya bade. Lafti teesani aka dira Sodomafi Gomorafi Admafi Seboimu taati, ka AABBO Waaqi, gaafa aka male dallane kaani balleese.


Jennaani AABBO Waaqi maruma toko ibidaafi dillo aka ibida bobeetu Sodomafi Gomora gubbati roobe,


Ammo moga dira, worra hamamafi falfaltufi algalaafi ka nama ijeesufi ka waan harkaani boch'ani kad'atuufi nama dubbifi hujiini kiyyibuuti jira.


Inni jabeenna argata, ammo ufiini inargatu. Inni guddo woballeese waan tolchu fed'u ch'ufa dabsata. Ammalle worra jajabaafi gumi Waaqa qulqullole balleesa.


Anini d'ukuba ch'iisa hamani iti d'ufe, woraanaleeni d'iiga isa jissa. Bokaya tamna d'akhaani roobufi ch'ile ibidatiifi ibida bobau woliini roobe, isaafi askarti isaatiifi gosa heddu goli isaa taani ch'ufa balleesa.


Bisaani galaana Edomu garagalani gogogani, biyyeeni isiileeni garagalte dillo taate, lafti ch'ufti aka kosi gubani gubati.


Inni ch'ile bobeetufi aara gubbaa gabuuse ch'ubbicha gubbati rooba; bubbe woi gubduni worra gube balleesa.


Jennaani anini bineensafi hayyoota lafatiifi duula worra, ka namicha farda yaabatufi duula isa had'u fed'u arge.


Inni waaro isaa ta hayyule jiddu baariinitifi gaara Mani Waaqa iraa eju d'ad'aaba. Ammo taatule inni ka wahela inqamne qofuma dua.


Amma tana abbaani fed'u ha waaro isaati galuti eegi dillo iti naqani qulqulleesanini.


Daayyani tunini, ta waan sorio galgalaafi diirama baasani himtu, ta waan isiini d'ooftu siti himani, inuma guutamti. Ammo amma d'ossi, isiini turtu male inguutamtu.


Raagoota d'ara eegad'a, ta bifa jijiratte isaniti d'uftu, ammo keesi worraa aka yai jira.


Oobju keesa anini fardoolefi nama isi ira tatau arge: Worri wonte aka ibida bobeetu qaba, ta aka dooqa bulle, ta ammalle daalatooftu. Mataani fardoole aka mata nyeench'a jira, afaani worraa keesaa ibidafi aarafi qanqeeni yaate.


hayyu worra ch'alla jira qabani Yoshuatini d'ufani.


Fooni hooliye dadansale fuud'i; qoraani okote jalati tuuli, bisaani ha danfani lafefi fooni suni d'aabani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite