Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 19:11 - KITAABA WAAQA

11 Jennaani anini gubba banamtefi farda adi arge. Nami isa yaabatu, maqaani isaa ka d'ugefataniifi d'uga; d'uga ch'allaani nama qore ammalle duula.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 19:11
28 Referans Kwoze  

AABBO Waaqa durati sirbiti, gaafa inni lafa fidu d'ufu. Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa d'ugaafi qajeelumani fida.


Anini millannaani farda borora arge. Nami isa yaabatu guube harkaa qaba, sure hayyuma kennaniifi. Inni aka nama nama dabsatu dabsachu d'aqe.


Wonti akanatiifi inni d'ufe lafa fida, inni gosa lafa keesa jirtu ch'ufa d'ugaafi qajeelumani fida.


Gara malaika gumi Laodikia waan kana t'aafi, Tunini dubbi Amini jed'u, inni ka d'ugefataniifi ka d'ugaati, Waaqi waan ch'ufa isaani uume.


Gubbaani aka Waaqi d'ugaatifi aka nami dubbi namaa qoru isaa, odeesiti.


Gaafasi anini d'aloota Daudi keesa nama d'ugaa toko fohad'e, hayyu tolcha. Inni waan d'ugaatifi ka qajeela lafa suni keesati tolcha.


Takaa tana hayyuti d'ufa, ka d'ugaani lafa fidu, ammalle jari gugurdaani isa jala hojatuleeni qajeelumaani lafa fida.


Eegi waan kana anini millad'e, balbala gubba ta banamte arge. Qonqooni aka magalata jirtu, ta qara isiini naani dubbattu d'agaye waan jette, Arma gubba kooti, waan eegi tana taha sii agarsiisa.


Gara malaika gumi Filadelfia waan kana t'aafi: Tunini dubbi nama qulqullotiifi ka d'uga, ka fura Daudi harkaa qabu, ka yo inni bane nami tokoleeni dandae inch'umne, yokhaani yo inni ch'ufe nami tokoleeni dandae imbanne.


Koota, dubbi teesani gaadisati himad'a; nami dubbi qabu ha wolgaafatuti. Eenuti waan taha kana duri fage? Ana AABBO Waaqaniti? Waaqi gumi ufi baase anuma, ka d'ibiini injiru.


Yeso Kristoni, d'ugaani d'ugefatani, Ilmi angafa ka duisa keesaa kaasani, ka hayyu hayyoota lafa tana, eebafi nagaya isani kenninna. Inni nu jaalata, ammalle d'iiga ufitiini daba keesaa nu baase,


Ee Hayyu gudda, atini waan d'uga jaalate, Israeli keesa d'uga suni jabeesita; atini d'ugaafi qajeeluma lafaani d'ufte.


Yesoni waan jed'eeni, Karaani ana, d'ugaafi jireennileeni ana; nami tokoleeni gara Abba ind'aqu, anaani d'aqu male.


Guyya shaneeso, jia afreeso, ka ganna soddomeeso, anini, qaalluuni Ezekielini, ilmi Buzi, worra Yahudi ka boojiani woliini, d'aatu galaana Kebari lafa Babiloni jira. Duuba gubani banamte jennaani daayya keesa Waaqa arge.


Mana Waaqa ka gubba jiru banani, sanduqa wold'aqisa kaani Mana Waaqa keesati argani. Duuba hangaasufi dibbeesafi d'uqeesa mandiisutifi chochoiti lafatiifi bokeeni d'akhaani roobe.


Anini halkani daayya keesa nama farda daama iraa tau, ka jiddu mukha doti bale keesa eju, arge. Isa duddaduuba fardoole d'ibi — daama, daamicha, bororati jira.


AABBO Waaqi abba duulaati; maqaani isaa AABBO Waaqa.


Jennaani waan jed'eeni, D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Armaa achi gubba banamte, malaika Waaqa ta oli gadi yaate Ilma Nama ira buutu agartani.


Jennaani anini bineensafi hayyoota lafatiifi duula worra, ka namicha farda yaabatufi duula isa had'u fed'u arge.


Duula worraa, sheefti afaani namicha farda yaabatu keesa baatuuti fit'e: allaatiini haguma dandeetu ch'ufa fooni worraa nyaatte.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite