Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 19:10 - KITAABA WAAQA

10 Anini miila isiti jige isii guddise, ammo isiini waan naani jette, Lakisi, anini hojattuma aka keetiiti, ammalle aka oboleyaani teeti, worra d'uga Yesoni mullise jabeesu ch'ufa. Waaqa guddisi! Wonti akanatiifi d'uga Yesoni mulliseti raagoota dubbachiisa.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 19:10
40 Referans Kwoze  

Isani T'aafi keesa barbaaddani waan isi keesa jireenna hegeri argattani ufi seetani. Ammo T'aafinu naa d'ugeesiti!


Malaikaani maani re? Worri lubbu Waaqaa hojattu, ammalle isati worra erga, aka worra baafama argatu qarqaartu.


jaaroleeni diddami afuri taani nama barch'uma guddinna gubba tau kaani durati jidde isa guddifti. Sure hayyuma taani isa durati jissani waan jed'ani:


Tanaafi jaweeni niititi dalante, d'aloota isi had'u d'at'e, worra seera Waaqa gula deemuufi ka d'uga Yesoni mullise d'ugefatu ch'ufa. Duuba jaweeni taani afaani galaana ejite.


Oboleyaani teenna d'iiga Ilme Hoolatiifi d'uga worri odeesuuni isa dabsatte; worri kurfo jira aka jireenna ufi baase duu.


Nami Ilma Waaqa d'ugefatu ch'ufti d'uga tana garaa ufi keesa qaba; ammo nami Waaqa ind'ugefanne ya Waaqa kiyyiba tolche, maro inni waan Waaqi waan Ilma isaa d'ugeese d'ugefachu dideefi.


Eegad'a duuba, nama dubbatu ch'aqasu indidiina. Yo worri gaafa inni lafa keesati dubbate ch'aqasu dide imbaafamini, nuleeni dandeenne imbaafamnu, yo ka gubba nuti dubbatu ch'aqasu dinne.


Jennaani Yesoni waan jed'eeni, na biraa deemi, Sheet'ana t'aafiini waan jettu Aabbo Waaqa kanke ch'alla guddisi isuma ch'alla hojad'u!


Waaqa d'ibi tokole inkad'atiini, wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi, waan d'ibi ka naani morku dandae inoobsu.


Isiini waan qonqo guddooni jette, Waaqa sodaad'a, guddisa! Wonti akanatiifi hojjaani qorsuma isaa la geete. Waaqa ka lafafi gubbafi galaanafi maddo bisaani ch'ufa uume guddisa!


Eennuti sii insodaanne Aabbo? Eennuti maqa kanke inguddimne? Si ch'allati qulqullo. Gochiti ch'ufti d'ufteti si guddiftu. Maro huji tante ta d'uga, ta nami ch'ufti arguutiifi.


Raagi ch'ufti isa d'ugeesa, aka maro maqa isatiifi nami isa d'ugefatu ch'ufti araarama argatu.


Anini Yohana oboleesa keesani; Yeso keesa nu gaargalafi Finna isatiifi obsa woliini arganna. Waan anini dubbi Waaqatiifi d'uga Yesoni mullise odeeseefi, lafa bisaani marsani, ta Patmo jed'ani, keesa jira.


Wonti akanatiifi nami qabanqaba d'uga argate nuu, worraaniti; nu Waaqa lubbu isaatiini kad'anna, ammalle jireenna keenna ka Kristo Yeso keesatiifi gammanna; aada namaa ta nafa ind'ugefannu.


Duuba inni waan worraani jed'e, Tunini dubbi tiyya ta anini isaniini jed'e, ato isani woliini jiru; wonti ti kiyya ta kitaaba Seera Musatifi ka raagootatiifi ka Faaru keesati t'aafani ch'ufti guutamu malte.


Malaikaani waan jetteeni, Anini Gabrieli, ka fuula Waaqa dura ejatu, ana siti ergani aka odu dansa tana siti himu.


Namichi toko, ka Yairo jed'ani, guddaani mana Waaqa iti kad'atani, isati d'ufe. Yeso arginaani, inni miila isati jige,


Isani ana, AABBO Waaqa ka jabeennaafi irre ufitini lafa Misiri keesaa isani baase ch'aqasu maltani. Isani na durati gajettani, sorio naa baasu maltani.


Wonti akanatiifi worri Yerusalemu taufi jari gugurdaani worraleeni fuula isa imbeekhani yokhaani dubbi raagootatiifi ta Seera ta guyya Sabato ch'ufa soomani inhubanne. Ammo duisa Yesoti murani aka akasiini dubbini raagooti fadde guutamtu.


nafa isaa ch'ufa lola ibidati keesaa yaa. Nama kuma hedduti isaa hojata, ammalle nama muumme inqamne, ka kunki kunkiti, isa, dura ch'iisa, kori tae, kitaaba banani.


Mid'aagumti tante hayyu d'araasifti; inni gudda keeti, isaa saalfad'i:


Ijoolle tiyya, waaqoota d'ara lagad'a!


Qorqorad'a, aka nami tokoleeni haalo woli imfuune, hojja ch'ufa waan dansa wolifi nama d'ibile tolcha.


Tanaafi deema teesani keesa aka dansa ufi qorqorad'a. Aka nama woma imbeenne intahiina, aka nama qaro taha.


Isani waan qabdani ch'ufa keesa guddo dureeyi: d'ugefachaafi hasaafi hubachaafi qarqaarsa aka ch'ufatiifi jaalala teenna keesaleti. Tanaafi nu isani kad'anna, aka huji jaalala tana keesaleti jabaattani.


Niitiini toko ta intalti isi diqooni jinni qabdu waan isaa d'ageete jennaani d'ufte miila isaati jidde.


Ammo isanile imbaanti: d'iirti ch'ufti niiti ufii aka ufi jaalattu jaalachu malte; nad'eenileeni d'iirsole ufiiti ha saalfattu.


Jennaani hayyu Nebukadrezani Danieli guddise isa durati lafaani ufi d'ae waan biyyaani jed'e, sorio baasafi hit'aanale aarsafi.


Tunini waan Waaqi Yeso Kristoti mullise, aka inni waan d'iotu taha hojattu Waaqaa agarsiisu. Kristoni malaika ufi Yohanati erge waan kana beesise.


Jennaani malaikaani waan naani jette, Waan kana t'aafi: Ayyaana worra fuud'a Ilme Hoolati yaamani. Malaikaani waan jette, Tunini dubbi d'uga ta Waaqi dubbate.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite