Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 18:9 - KITAABA WAAQA

9 Hayyooti lafa tana isi woliini rafte, hameenna tolchite, aara gubacha isii keesa yau argite booti.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 18:9
24 Referans Kwoze  

Ammalle iyani, Waaqa faarsa! Aari dira gudda haguma jiru oldeema! jed'ani.


Isiini daad'i ufi gosa ch'ufa obaafte, daad'i jabdu ta d'araani isii hamtu. Hayyooti lafaa isi woliini rafte, daldaltuuni lafaa d'araa isi hamtuuni duroomte.


bohani waan jed'ani, Diri aka dira gudda kana tokoleeni lafaa wa jira?


Hayyooti lafa sharmut'iti tana woliini hameenna tolchite, nami lafaa ch'ufa farso hameenna isii kaani d'uge machae.


Gammada, maro badi isaatiifi, Ee Gubba! Gammada, worra Waaqatiifi ergattufi raagoota! Waaqi ya maro waan inni isani tolcheefi isa qore!


Aari ibida worra gaargalchu haga hegeri oli deema. Nama bineensafi akheekha isaa kad'atuufi ka beesisa maqa isaa argate ufira qabuleeni boqota inargatu.


Akuma isiini guddinnaafi gammada ufii kennite isanileeni gaargalafi lalefacha kennaafi. Isiini waan ufiini jettu: Anini aka hayyiti taa! Anini niiti d'iirsi iraa dueniti; anini lalefad'e imbohu!


Gaafa Babiloni balleesani dibbeesi isii lafa ch'ufa chochoose. Qonqo iyyanna gosa d'ibiti d'agayani.


Inni gara lafa Sodomafi Gomoratiifi bale lafa suni ch'ufa millate jennaani aara gudda lafa suni keesaa kau, ka aka aara boola ibida keesaa bahu fakaatu, arge.


Akuma anini duri Sodomafi Gomorafi dira d'aatu ch'ufa balleese, Babilonile balleesa. Nami deebie iti ingalu. Nami dubbi tana jed'e ana; AABBO Waaqa.


Lafti Babiloni lafa ch'ufa ira mid'aadu, mid'aaguma isii suni nami isii ch'ufti mataani d'aaba. Ammo anini, AABBO Waaqi, akuma Sodomafi Gomora balleese Babilonile balleesa!


Oobruuni teesani adaala, ta d'akha daalachafi soodi ch'allaani gubba jiru. Woma tokole imbaaftu ya bade. Lafti teesani aka dira Sodomafi Gomorafi Admafi Seboimu taati, ka AABBO Waaqi, gaafa aka male dallane kaani balleese.


Malaikaani suni lalabde waan jette, mukha kana muri, dame isaa ch'ufa iraa ch'ich'iri; obeensa iraa guuri, mid'aani iraa d'abbi, bineensa jalaa gussi, simpirrele dameele iraa gussi.


Duri duri, fulla ibidi guddaani toko hayyu Ashuru iti gubu kurfeesani. Fullaani sunini gadi qile, ammalle ballo, qoraanileeni arti miju. Duuba AABBO Waaqati hafuura isaatini ibida gabaase guba.


Nami d'ugaa qajeelani hojja ch'ubbicha gaargalchani ingammada; inni d'iiga ch'ubbichaa keesa deema.


Diri Babiloni tassa jige bade! Bohafi! Maddaa isaa qorsa iti barbaada, hegeri infayyiti.


Nami d'aatu baariini jiru ch'ufti, waan atini taate suni arginaani rifate, hayyoota worrale lubbuuni d'ufte, mudamsuuni fuula worraa iraa mullate.


Nad'eeni kaima maqa nad'eeni d'iirsa inqamneti indariini, wonti akanatiifi yo akanumati tau dad'abde isiini nama fuud'u feete, akasiini Kristo iraa badde,


Tanaafi anini sire gubba isi buusa, achiti isiifi jara isi woliini sharmut'u gaargalcha, yo worri huji isi woliini tolchu tana iraa deebiu baate.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite