Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 17:3 - KITAABA WAAQA

3 Lubbuuni na fuute, malaikaani lafa gamooji naa geesite. Achiti anini niiti toko, ta bineensa diima maqa hamama irati t'aafani gubba teetu, arge; bineensi suni mata torbaafi gaafa kud'ani qaba.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 17:3
26 Referans Kwoze  

Akheekhi d'ibileeni gubba bahe. Jawe diimtu guddo toko, ta mata torbaafi gaafa kud'ani qabdu jira, ammalle mata ch'ufa gubba sure qabdi.


Niitiini atini garte sunini dira gudda ka hayyoota lafa mohatu.


Niitiini gara lafa gamooji baqatte, fulla Waaqi isii mid'aase, aka achiti qorqoratani haga guyya kunki tokotiifi d'iba lamafi jaatama.


Niitiini woya diimtufi daalati uyifatte, miha worqitiifi d'akha mimid'aagafi dooqa naqatte. Mudunu worqi ta waan t'uri qaba qabduufi ta t'uri algalooma isii qabdu harkaa qabdi.


Niiti taani koola risa gugurda lama kennaniifi aka isiini lafa gamoojiti baqate ganna sadifi nusa achi teete achiti qorqoratani, aka isiini had'iisa bofa suni dura baatu.


Inni Waaqa gudda miid'e, gumi Waaqale dabsa. Ammalle inni seerafi aada worrale ch'ufa garagalchu fed'a, gumiini Waaqaleeni ganna sadiifi jia jaa isa jalati bulti.


Anini ammalle waan gaafa isaa kud'annaani kaanitifi gaafa didiqa eege bahe, gaafa sadeeni kaani bubuqise, beekhu fed'e. Gaafi sunini ilaafi afaani kiyyibo ufi totolcha qaba, ammalle gaafa kaani ch'ufa ira nama mudamsiisa.


Ato anini tae gaafa isaa suni ilaalu, gaafi diqaani toko jiddu gaafa kaanitini bahe, gaafi diqaani suni gaafa gugurda kaani sadi bubuqise. Gaafi diqaani suni ila namaatifi afaani kiyyibo ufi totolcha qaba.


Lubbuuni na fuute, fiit'e gaara d'eera toko na garsiifte. Yerusalemu, Dira Qulqullo, ka gubba, fulla Waaqati gadi d'ufu,


Inni waan aka harkaa jira d'eerefate rifeensa mata na qabe. Jennaani daayya tana keesa lubbuuni AABBO Waaqa oli na fuute, Yerusalemu na geesite, naabo Mana Waaqa garaa keesa fulla fullooni mirga fuula deefatutini na d'ufte. Fulla fullo suni waan harkaani boch'ani kad'atani, ka AABBO Waaqi aka male jibbuti jira.


Duuba daayya keesa lubbuuni AABBO Waaqa oli naa fuute, gara worra boojiani lafa Babiloni jiru kaani na deebifte. Daayyani taani nara banaani


Waan nami kad'atuufi ka nami guddisu ch'ufa inni indida. Inni waan ch'ufa ira ufi guddise, d'aqe Mana Waaqa keesa tae Waaqa ufiini jed'a!


Duuba lubbuuni Waaqa oli na fuute. Jennaani qonqo guddo toko ta, guddinna AABBO Waaqa gubba jiru faarsa, jettu ufi duubati d'agaye.


Tunini enu ta lafa aloo keesa jaala ufiti hirkate gad'uftu? Anini mukha mapeera fulla atini iti d'alate jala si kaase.


Guyya Aabbo, Lubbuuni isaa na keesa seente, anini qonqo guddo, aka magalata ufi duubati d'agaye.


Hayyuuni lafa mirgaa waan fed'u tahe, anini waaqa ch'ufa ira jira jed'e ufi guddise, Waaqa guddale aka hama arabse akasiini nama mamsiisa. Inni haga Waaqi dallane badi isatini d'ufuti akasuma taha. Waaqi waan herege suni inuma guuta.


Waan jed'eeni, Nu nami shantama kunini ch'ufti kaima jajaba, eegi, abbe sii barbaanna. Egeri lubbuuni Waaqa isaa fuute, gaarafa yokhaani balefa keesa isa buufte. Elishani waan jed'eeni, Hiyo indeemina.


Hojja akuma anini deemeni lubbuuni AABBO Waaqa arma si fuute fulla nami imbeenne si geesite, anini maani taha? Duuba hojja anini Ahabuti hime arti si d'abani, Inni na ijeesa. Atini imbeeta anini haguma d'alad'e AABBO Waaqa sodaad'a.


Maro tokotu Lubbuuni Waaqa na seente, olmillannaani barch'uma guddinna toko ka nami ira tau gubbati arge.


Bisaani keesa baanaani, Lubbuuni Aabbo Filipo fuute. Namichi kaani lafaa isa d'abe, ammo gammadaani kara ufii iti d'aabate.


Woya iraa baasani, woya diimtu toko uyisaniifi.


worqifi qarsifi d'akha dadansafi dooqafi booftafi woya didiimtufi woya mid'aadufi shiida; mukha dadansafi miha gosa ch'ufa ka ilka arbatiifi ka mukha gati guddotiifi ka saldaqatiifi ka sibiilatiifi ka ch'abbi mid'aasaniini.


Waan daba! Gaargala dira guddati! Duri woya booftatiifi diimtufi shiida uyifatte, fayya worqitiifi faya ch'uch'uluqa dooqa naqatte!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite