Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 17:14 - KITAABA WAAQA

14 Ilma Hoola inhad'ani ammo Ilme Hoolatiifi jari d'uga ka isii gula yau, ka isiini fohate yaamte worra dabsata, waan isiini guddo abbooti ch'ufatiifi, hayyu hayyoota ch'ufa tatefi.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 17:14
41 Referans Kwoze  

Tanaafi Waaqi worra duri olkaye kaani yaame; yaamicha ch'allaaniti ammo d'uga heregeefi; d'uga ch'alla inherenneefi ammo guddinna ufile worraa qoode.


Yo hojjaani geete, Waaqi eeba, ka inni ch'allaani nama fidu, Hayyuuni Hayyoota ch'ufa, Abbaani Abbooti ch'ufati isa mullisa.


Wonti akanatiifi nami yaamani heddu, ammo ka fohatani diqa.


Nama dabsatu anini d'awatu tiyya barch'uma kiyya ira teesisa, akuma anini dabsad'e amma Aabbo woliini barch'uma isaa ka guddinna ira tau.


Yeso Kristoni, d'ugaani d'ugefatani, Ilmi angafa ka duisa keesaa kaasani, ka hayyu hayyoota lafa tana, eebafi nagaya isani kenninna. Inni nu jaalata, ammalle d'iiga ufitiini daba keesaa nu baase,


Ammalle hayyichi waan Danielini jed'e, D'uguma Waaqi kanke Waaqa Waaqa ch'ufati, ka abba hayyoota ch'ufa ka waan d'ossani ch'ufa namaa mullisu, Tanaafi atini waan d'ossani kana dandeete nati himte.


AABBO Waaqi keesani Waaqa Waaqa ch'ufa ira jirufi jabeenna, jabeenna ch'ufa ira jiru. Inni gudda jaba ka nami sodaatu: ka nama gargari infillee yokhaani ka gumbo inyaanne.


Gaargala d'ufu insodaatiini! Ch'aqasi, Sheet'ani isani gari mana hid'aansa keesa buuse isani ilaalata; haga bulti kud'ani d'ipatani gaargaltani. Haga dootuuti nama d'ugefatani tahi, duuba anini eebafi jireenna sii kenna.


Tunini lubbu jinni ta waan mama tolchitu. Lubbuuni tunini sadeeni gara hayyoota lafa ch'ufa yaati, aka hayyoota tana guyya jaba ka Waaqa Gudda had'iisafi wolti yaamtu.


Gaafa muummeeni d'uftu Kristoni hayyootafi jabeennaafi humna ch'ufa dabsateti Finna ch'ufa harka Waaqa Abbati kenna.


Hiyyo, waan kana ch'ufa nu maro nama nu jaalatuufi dabsanna!


Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.


Yo worri d'aamsa ufi hobaafate, bineensi boola qile keesaa gadi bahu worra had'a. Dabsateti ijeesa,


Ammo isani gosa Waaqi fohate, qaalole hayyuti, gosa qulqullo, gumi Waaqaati, ta aka huji Waaqa ta mama odeesitaniifi fohatani, ka dukana keesaa ifsa isaa ka mamaati isani yaame.


Askartiini huji hojattu gudda isii gammachiisu feeti, waan d'ibi ka huji askartii intahiini keesa seenu imfeetu.


Bara hayyooti suni lafa fiddu Waaqi gubbaa finna haga jiru jireenna ind'umanneeni d'ufa. Finna suni dandaani indabsatani, ammo inni finna d'ibi ch'ufa balleese haga jiru jireenna mohata.


Aabbooni gama kanke ka mirga jira; inni hojja dallanu hayyoota imballeesa


Isani na imfohanne, ammo anati isani fohate erge, aka deemtani mid'aani baaftani, mid'aani ka inhamaanne. Duuba Abbaani waan maqa kiyyaani kad'attani ch'ufa isanii kenna.


Hayyuuni waan jed'u, Waan anini isaniti himu, waan oboleyaani tiyya didiqo tanaa tolchitani yayu nale tolchitani.


Nami isani tuqe ya guma ilaa naa tuqe. Jennaani AABBO Waaqi Guddaani d'aamsa kanaani gara gosa gumi isaa saamte na erge waan jed'e.


Akuma nyeench'a badda Yordani keesaa bahe lafa doti marra qabdu d'ufu, anini AABBO Waaqi d'ufe, worra Babiloni tassa dira isaani keesaa baqachiisa. Duuba nama anini fohad'eti lafa mohata. Nami na gahu lafa keesa injira? Nami woi na gaafatu injira? Nami lafa fidu, ka dandae nani morku injira?


Ato anini tae ilaau, gaafi suni gumi Waaqa qulqullo taani had'e dabsate.


wonti akanatiifi anini gosa mirga teetu ch'ufa, koota jed'e yaamuu jira. Hayyooti worraa barch'uma isi fullo Yerusalemutifi d'aatu naabo isaatifi d'aatu dira Yuda d'ibile ch'ufa d'ad'aabatti.


Yo gosa ch'ufa jed'ani, isani worri Rumileeni, ka Yeso Kristoni yaame jara ufi tolche, worra suni keesa jirtani.


Anini fulla atini teetu imbeekha, fulla barch'uma guddinna Sheet'anaati. Atini maqa kiyya jabeesite qabatte, gaafa Antipa ka guddo na d'ugeese fulla Sheet'ani tauti ijeesanile, atini d'ugefacha na d'ugefatte illakimne.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite