6 Inni Waaqafi maqa Waaqatiifi fulla inni taufi worra gubba taule abaare.
Tanaafi gammada, gubbafi worri achi tauleeni! Ammo gaargala lafafi galaanati! Wonti akanatiifi Sheet'ani ya siti d'ufe, ya dalane, inni imbeekha aka hojjaani isaa hobau geete.
Wonti akanatiifi Kristoni fakeenna fulla qulqullo, ta nami harkaani mid'aase keesa inseenne. Inni gubbati olgale, fulla inni amma maro teennaafi fuula Waaqa dura eju.
Garaa keesaa herega hamafi ijeechafi wolbarachaafi ch'abanumafi hannafi d'arafi arabati baha.
Isani ilmoole bofaati! Akami dandeetani waan dansa dubbattani, yo isani hamamo taatani? Wonti akanatiifi afaani waan garaani qabu dubbatani.
Anini qonqo guddo toko ta gubba dubbatte akana jettu d'agaye: Amma mani Waaqa nama woliini jira! Inni worra woliini tae, worrileeni gumi isaa taha. Waaqileeni worra woliini taa, innileeni Waaqa worraa taha.
Gammada, maro badi isaatiifi, Ee Gubba! Gammada, worra Waaqatiifi ergattufi raagoota! Waaqi ya maro waan inni isani tolcheefi isa qore!
Jennaani raagooti lamaani qonqo guddo ta gubba, Arma koota worraani jettu d'ageete. Akuma nyaapi worra ilaaluuni, kaani dumansa keesa gubbati galani.
Eegi waan kana anini millad'e gumi namaa guddo arge nami tokoleeni dandae nama suni ch'ufa inhedu! Gumiini suni lafa ch'ufa, gosa ch'ufa, afaani ch'ufa keesa baate, barch'uma guddafi Ilme Hoola dura ejaanjate woya adaadi keyate, dame qoone harkati qabate.
Jennaani anini waan gubba jiratiifi, ka lafa jiratiifi ka lafa jala jiratiifi, ka bisaani keesa jirale waan lafa tana keesa jira ch'ufa, ka sirba d'agaye; gara nama barch'uma guddinna gubba taufi gara Ilme Hoola. Faarufi guddinnaafi ulfinnafi jabeenni ha tahu. Haga hegeri! jed'ani.
D'awatu barch'uma suni barch'uma diddami afuri d'ibiti jira, ammalle barch'uma suni gubba jaarole diddami afuri, ta woya adi uyifatte sure hayyuma maratteti jira.
Eegi waan kana anini millad'e, balbala gubba ta banamte arge. Qonqooni aka magalata jirtu, ta qara isiini naani dubbattu d'agaye waan jette, Arma gubba kooti, waan eegi tana taha sii agarsiisa.
Waaro d'aabani, bada isii Fulla Qulqullo jed'ani. Bada suni keesa ifsefi mesafi qit'a Waaqaa baasaniti jira.
Lubbuuni worraa aka awaala qotani jirti. D'arti araba worraa iraa baati, dubbini hamtuuni, ta aka had'aa bofa jirtu, afaani worraa keesaa baati.
Wonti akanatiifi qit'oomi Waaqa ch'ufti nafuma Kristo keesa jira,
Maro fed'i Waaqaatiifi Ilmi qit'ooma Waaqaa ufi keesaa qaba.
Dubbini nama taate, jiddu teenna teete, nu guddinna isaa agarre, akuma guddinna Ilma tokocha ka gara Abbati bahe, ka eebafi d'ugaani guutame.
Duuba eege Ayubuni dubbate guyya d'alate abaare,
Worri Waaqa ka gubbaa jiru hameenna isaa dubbate, nama lafa gubbaa jiruleeti kiyyiba.
Ato anini tae gaafa isaa suni ilaalu, gaafi diqaani toko jiddu gaafa kaanitini bahe, gaafi diqaani suni gaafa gugurda kaani sadi bubuqise. Gaafi diqaani suni ila namaatifi afaani kiyyibo ufi totolcha qaba.
Inni Waaqa gudda miid'e, gumi Waaqale dabsa. Ammalle inni seerafi aada worrale ch'ufa garagalchu fed'a, gumiini Waaqaleeni ganna sadiifi jia jaa isa jalati bulti.
Hayyuuni lafa mirgaa waan fed'u tahe, anini waaqa ch'ufa ira jira jed'e ufi guddise, Waaqa guddale aka hama arabse akasiini nama mamsiisa. Inni haga Waaqi dallane badi isatini d'ufuti akasuma taha. Waaqi waan herege suni inuma guuta.
Maro waan kanatifi halkani guyya barch'uma Waaqa dura ejaanjani Mana Waaqa keesati isaa hojatani. Nama barch'uma gubba tau suniti worra woliini tae worra qorqorata.
Eegi waan kana anini gubba millannaani Mana Waaqa ka Waarooni d'uga ke jirtu, Ka banisa qabu arge.