Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 13:2 - KITAABA WAAQA

2 Bineensi suni aka qeeramsa jira, miili isaa aka miila goorjama jira, afaani isaa aka afaani nyeench'a jirani. Jaweeni taani jabeennaafi guddinnaafi humna ufi ch'ufa bineensa suni kennite.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 13:2
27 Referans Kwoze  

Isiini jawe guddo, bofa dullacha kaani, ka Ibiliisi yokhaani Sheet'ana jed'ani qabde, haga ganna kunki toko hiite.


Gaafi kud'ani, ka atini agarte, hayyoota kud'ani, ta ammalle imohatiini, ammo ta jabeenna mohatuuni, bineensa woliini, haga saa toko iti kennani.


Jawe guddo taani gadigatani! Isiini suni bofa duri kaani, ka Sheet'ana yokhaani Jinni jed'aniini, ka lafa ch'ufa sobe. Isaafi malaika isaa ch'ufa lafati gatani.


Kurfo taa, eegad'a! Nyaapi keesani Sheet'ani, aka nyeench'a itanaa deeme nama nyaatu barbaada.


Bineensa kaanifi raaga d'ara, ka waan mama isa durati tolche, woliini qabani. Inni qara waan mama kanaani worra beesisa bineensa ufiraa qabu sobe, worra fakeenna bineensa ka boch'ani kad'atele. Bineensafi raagi d'ara, ato jiranu, galaana ibida keesa buusani gubani.


Nami ch'ufti jawe guddise, waan inni jabeenna ufi ch'ufa bineensa kaani kenneefi. Bineensale guddisani kad'atani waan jed'ani, Eentu aka bineensa kana jira? Eentu dandae isa had'a?


Jennaani jaweeni bisaani aka galaana afaani ufi keesaa yaafte, niiti taani gussite, aka lollaani isi fud'atu.


Jaweeni taani aka gubba gadigatani arginaani, niiti ilma deete taani gussite.


Jennaani malaikaani shaneeso qori ufi barch'uma guddinna bineensati jissite. Guddinni bineensa dukanae, nami ch'ufti d'ukubsate, araba ufi ch'iniine,


Nama nyeench'a baqate gorjamaani bahu fakaata! Yokhaani nama inni mana harkaani qabannaani bofi idde fakaata!


Nami guraachi lafa Kushi dandae goga ufi garaingalcha? Yokhaani qeeramsileeni dandae barru ufira imballeesa? Yo worri dandae waan suni tolche isanileeni ka waan hamtu barattani, dandeetani waan dansaa tolchitani.


Tanaafi nyeench'i badda keesaa yae, worra had'e, yayini lafa gamoojiti baate worra tatarsaafte, qeeramsileeni dira keesati nama gaada. Yo worri sunini mana ufitii gabahe, gargari worra tatarsaasani; wonti akanatiifi dabi worraa gudda, bara ch'ufa worri Waaqa lakise iraa gore.


Askartini worraa akuma nyeench'a bineensa ijeese, fulla nami dandae ira imbuumnetiini baqate itanu itanti.


Yo ch'ubbichi lafa mohatu hiyyeesi waan tahu inqabu, inni akuma nyeench'a itanu yokhaani gorjama dutu jira.


Fulla nama daalle tae waan aka injirre hojatu argani, nama gorjama ilmaani jala fit'ani arguti ira jira.


Nyeench'a kanale duraa na baasi, anini gafarsa kana ufira d'owu indandau.


Elishani iti garagale, maqa AABBO Waaqatini abaare. Jennaani gorjami d'ad'alani lama danqara keesaa gadi bahe, ijoolle suni keesa nama afurtami lama artumati gargari ch'ire hobaase.


Fardooleeni worraa qeeramsale ira orite, yai beela qabdule ira nama sodaachifti. Teetuuni worraa ta farda ch'ufti lafa fagooti d'ufti. Fardi worraa ya lola kurfae, duuba akuma risaani waan nyaatu lafaa buttu, worrileeni wo butta.


AABBO Waaqi waan jed'u, Akuma tissituuni miila lama yokhaani gurra tokofa, ka hori nyeench'i nyaate iraa buuftu, akasuma nami takeeni dira Samaria, ka amma sireefi barch'uma dadansa ira tatau, iraa hafa.


Gumiini tiyya na gula yaati, hojja anini aka nyeench'a nyaapa worrati itanu. Worri gama ila aduti orie nati d'ufa.


Ammo Aabbooni na woliini tae naa jabeese, aka anini dubbi ch'ufa gosa d'ibileti odeesu; afaani nyeench'a keesaa naa baasani.


Anini fulla atini teetu imbeekha, fulla barch'uma guddinna Sheet'anaati. Atini maqa kiyya jabeesite qabatte, gaafa Antipa ka guddo na d'ugeese fulla Sheet'ani tauti ijeesanile, atini d'ugefacha na d'ugefatte illakimne.


Ammalle jabeenna bineensi qara qabu ch'ufa fuula isa durati garsiise. Inni lafafi waan isi keesa jira ch'ufa bineensa qara kad'achiise, ka madaani hamtuuni taani fayyite.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite