Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 13:14 - KITAABA WAAQA

14 Nama lafa ch'ufa keesa tau waan mama ka inni fuula bineensa qara durati tolcheeni sosobe. Bineensi kaani nama lafa ch'ufatiini, Akheekha bineensa sheeftiini woraanani ammo induiini kaani fakaatu mid'aasa, guddisa jed'e.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 13:14
29 Referans Kwoze  

Bineensa kaanifi raaga d'ara, ka waan mama isa durati tolche, woliini qabani. Inni qara waan mama kanaani worra beesisa bineensa ufiraa qabu sobe, worra fakeenna bineensa ka boch'ani kad'atele. Bineensafi raagi d'ara, ato jiranu, galaana ibida keesa buusani gubani.


Jawe guddo taani gadigatani! Isiini suni bofa duri kaani, ka Sheet'ana yokhaani Jinni jed'aniini, ka lafa ch'ufa sobe. Isaafi malaika isaa ch'ufa lafati gatani.


Nami lafa jiru ch'ufti isa guddisa, akasi jechaani, nama ch'ufa ka maqa isaa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna ta Ilme Hoola ta ijeesani keesati int'aafiini jecha.


Jennaani Sheet'ana, ka worra sobe, galaana ibida keesa buusani, fulla bineensafi raaga d'ara qara buusani, halkani guyya haga hegeri worra gaargalchani.


Ifse deebiani si keesati inargani; qonqo intala fuud'atifi gurba fuud'a deebiani si keesati ind'agayani. Daldaltuuni tante duri daldaltu lafa ch'ufa ira jirti, hamaatte atini falfala d'araatiini nama lafa ch'ufa sobde jed'ani.


Malaikaani qara d'at'e qori ufi lafati jissite. Madaani hamtuuni worra beesisa bineensa ufira qabuufi worra akheekha isaa guddiseeni baate.


Jennaani anini waan galaana dawiti fakaata arge; ka ibidaani wolkeesa jiru Anini ammalle worra bineensafi akheekha isaatiifi nama maqaani isa lamba fakaatu dabsate arge. Worri fulla galaana dawiti fakaatu ejaanje kiraari Waaqi worra kenne harka qabata.


Aari ibida worra gaargalchu haga hegeri oli deema. Nama bineensafi akheekha isaa kad'atuufi ka beesisa maqa isaa argate ufira qabuleeni boqota inargatu.


Malaikaani d'ibiini, ta sadeeso, lamaani taani gula deemte waan jette, Yo nami tokoleeni bineensafi akheekha isaa ka boch'ani guddise, ammalle akheekha adda yokhaani harka ufi ira argate,


Ammalle bineensa lameeso kaani ee jed'ani, aka akheekha bineensa qara kaani hafuura jireenna iti guuru, aka akheekhi kaani dubbate, nama isa inguddimne ch'ufa ijeesu.


Waan nami kad'atuufi ka nami guddisu ch'ufa inni indida. Inni waan ch'ufa ira ufi guddise, d'aqe Mana Waaqa keesa tae Waaqa ufiini jed'a!


Hayyuuni lafa mirgaa waan fed'u tahe, anini waaqa ch'ufa ira jira jed'e ufi guddise, Waaqa guddale aka hama arabse akasiini nama mamsiisa. Inni haga Waaqi dallane badi isatini d'ufuti akasuma taha. Waaqi waan herege suni inuma guuta.


Atini faaya qarsitiifi ka worqi, ka anini sii kenne fuute, fakeenna d'iira mid'aasite ufi keesa nat'e.


Yo raagi sobame dubbi d'ara fage, nami isa sobe ana, AABBO Waaqa. Duuba anini isati kae, gumi Israeli keesaa isa baasa.


Nami akana kunini namuma daara nyaatu fakaata. Daallumti isaa isa balleesite qarqaarsa isa d'owarti. Inni aka wonti inni harkaani mid'aafate kad'atu sunini waan d'ara, ka waaqa intahini, ee injed'u.


Waaqi jaba, waan ch'ufa indabsata; ka wo sobuufi ka sobanileeni ch'ufti harkuma isaa keesa jira.


Tanaafi haga atini dootuti anini Yerusalemu gaargalche woma intolchu. Atini ato nagayi jiru doota. Jari deebie d'aamsa kana hayyu Yosiati hime.


Jennaani Isayaani haanch'a oda d'ulla isati mat'anse, duuba akanaani fayye.


Duuba anini olseene, fulla inni na gaarsiise taani ilaale, jennaani akheekha bofatifi ka bineensa qulqullo intahinitifi waan d'ibi worri Israeli kad'atule, ka irati barreesani, arge.


Jennaani Faraoni worra qarootafi falfaltu wolti yaame, duuba worri sunileeni tolcha isaanitiini akasuma wa tolche.


Gaargala d'ufu insodaatiini! Ch'aqasi, Sheet'ani isani gari mana hid'aansa keesa buuse isani ilaalata; haga bulti kud'ani d'ipatani gaargaltani. Haga dootuuti nama d'ugefatani tahi, duuba anini eebafi jireenna sii kenna.


Waan atini aka anini, Obsi siini jed'e, obsiteefi, anini gaargala lafa ch'ufati d'ufe nama lafa ch'ufa ilaalatu duraa si baasa.


Jennaani anini bineensa toko ka galaana keesaa bahu arge. Gaafa kud'anifi mata torba qaba, gaafa ch'ufa ira sure hayyumati jira, mata ch'ufa irati maqa hamama t'aafani.


Jennaani anini jinni hamtu sadi arge, ta raacha fakaattu, ta afaani jawetiifi afaani bineensatiifi afaani raaga d'ara keesaa yaatu.


Jinnini waan jetteeni, Anini deeme raagoota Ahabu ch'ufa kiyyibsiisa. AABBO Waaqi waan jed'eeni, Beeni, isa sobi, inni inuma sobama.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite