Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 13:13 - KITAABA WAAQA

13 Bineensi lameeso kunini waan mama heddu tolche; ibida gubba lafati baase, fuula nama ch'ufa durati.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 13:13
20 Referans Kwoze  

Wonti akanatiifi Kristo d'aratiifi raagi d'ara ind'ufa, akheekhafi waan mama heddu tolchani, aka worra Waaqi fohate sobani, yo sila dandaani.


Bineensa kaanifi raaga d'ara, ka waan mama isa durati tolche, woliini qabani. Inni qara waan mama kanaani worra beesisa bineensa ufiraa qabu sobe, worra fakeenna bineensa ka boch'ani kad'atele. Bineensafi raagi d'ara, ato jiranu, galaana ibida keesa buusani gubani.


Tunini lubbu jinni ta waan mama tolchitu. Lubbuuni tunini sadeeni gara hayyoota lafa ch'ufa yaati, aka hayyoota tana guyya jaba ka Waaqa Gudda had'iisafi wolti yaamtu.


Worri lafa ch'ufa keesa yae, gumi Waaqatiifi dira inni jaalatu marse. Ammo ibidi gubba gadi bue worra hobaase.


Jennaani AABBO Waaqi ibida gubbaa gabuuse, ibidi sunini foonifi qoraanifi d'akhaaye taanile ch'ufa gube lafa gogose, bisaani kaanileeni ch'ufti fooqatani.


Kristo d'aratiifi raagi d'ara mullate, akheekhafi mamisa d'ara nama agarsiisa, aka yo dandaani, nama Waaqi fohatele sobani.


Yo nami worraa tuqu fed'u, ibidi afaani worra keesaa bahe, nyaapa worraa balleesa; akanaani nama worra tuqu fed'u ch'ufa ijeesani.


Akuma duri Yanefi Yambreni dubbi Musa didde, akasuma worri kunileeni d'ugaa dida — nama herega inqamne, ka d'ugefacha argachu dad'abe.


Farisayoofi Sadukayoni gara isaa d'ufte aka sila ilaalattu, Akheekha gubba nu agarsiisi jed'aniini.


Jennaani AABBO Waaqi nama d'ibba lamafi shantama ka hit'aanaani d'ufe kaani ibidaani gube hobaase.


Worri wo tolchu kaani Musa dura eju dad'abe, wonti akanatiifi d'ullaani ya worraafi worra Misiri ch'ufa qabate.


Ammo worri wo tolchu kaani akuma suni wo tolche lafa Misiri keesa raachaani d'ufe.


Jennaani worri Misiri ka wo tolchu akuma suni tolcha ufii tolche, Faraoni akuma AABBO Waaqi qara jed'e kaani garaa jabaate dubbi Musafi Haruni d'agayu dide.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite