Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 1:7 - KITAABA WAAQA

7 Me ilaali, inni dumansa keesa d'ufuu jira! Nami ch'ufti isa arga, jari duri isa woraaneleeni. Gochiti lafa ch'ufa maro isaatiifi booti. Ha akasuma taatu! Amini.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 1:7
36 Referans Kwoze  

Duuba akheekhi Ilma Nama gubbati mullata; gochiti lafa tana ch'ufti imbooti, Ilma Nama ka dumansa keesa jabeennaafi guddinnaani gadi buu argani.


Anini ilmaani Dauditifi worra Yerusalemu kaani d'ibi herega naasutiifi ka kad'achatiini guuta. Duuba namicha woraanaani ijeesani kaani laalani, akuma nama ilma tokocha bohu bohaniifi. Aka worri ilmi angafa iraa due bohu, garaa hamaatani bohaniifi.


Daayya suni keesa anini waan nama fakaata arge. Inni, ka dumansa keesa deemu, nati gadi d'ufe, namicha haga jiru jireenna jiru kaaniti qajeele, jennaani isa duraani d'ufani.


Ammalle t'aafiini d'ibiini waan jettu, Biyyiti namicha woraanani daawatti.


Yesoni waan jed'e, Ee, Ana; ammalle Ilma Nama ka harka mirga Waaqaa tau argitani, ka dumansa gubbatiini d'ufu!


Gaafasi Ilmi Nama, ka jabeennaafi guddinnaani dumansa keesa d'ufu argani.


nu worra gaafasi jirru ch'ufa dumansa keesati worra kaani woliini wolti guurani, gubbati Aabbooni wolwoldeenna. Duuba guyya ch'ufa Aabbo woliini teena.


Ilma isaa ka gubba gadi d'ufu eegattani, Ilma isaa Yeso, ka inni duisa keesaa kaase, dalansu Waaqa ta hegeri d'uftu duraa nu baasu.


Jennaani Ilma Nama ka dumansa keesa jabeennaafi guddinnaani d'ufu argani.


Henoko, ka d'aloota torbeeso Adamu gulati, duri waan worra fage waan jed'e: Ilaala, Aabbooni malaika ufi qulqullo kunki hedduuni woliini d'ufa,


Yesoni waan isaani jed'e, Atu ya jette. Ammo waan anini isaniti himu, Eegi arra, Ilma Nama ka harka mirgicha Waaqa Gudda tae, dumansa gubbatiini gadi deebiu argitani.


Nami waan kana ch'ufa d'ugeesu waan jed'u, D'uguma, anini d'iotu d'ufa! Ha taatuuti. Kooti, Aabbo Yeso!


Duuli nama ch'ubbuu na marse; aka yayi nati baafate, harkaafi miila kiyyale ch'ufa tatarsaase.


Jaallani tiyya, nu amma ijoolle Waaqati, ammo ammalle waan iti yaanu aka dansa imbeennu. Ammo waan kana imbeenna: Yo Kristoni mullate nu aka isaa taana waan nu aka inni jiru arginufi.


Dumansaafi dukanti isa marsiti; inni d'ugaafi qajeelumani lafa fida.


Nama Ilma Waaqa tuffatu, ka d'iiga wold'aqisa Waaqa ka isa qulqulleese bilaasha sehu, ka Lubbu eebaa arabsu, maal tolchani re? Gaargala isaa, aka inni hama, me herega!


hojja inni Waaqa kad'atu inni isaa d'agaya; inni Waaqa arge gammade, Waaqileeni kara d'ugaati isa deebisa.


Kunini d'aamsa waan lafa Misiri d'aamani. AABBO Waaqi hurrise dumansa gubba lafa Misiriti d'ufuu jira. Wonti harkaani boch'ani, ka worri Misiri kad'atu, isa durati holate, garaani worra Misirileeni isa durati laafa.


AABBO Waaqi hurre indallanu, ammo humna jabdu qaba, ta nama wo yakeeni gaargalchu. Fulla AABBO Waaqi deemu bubbeeni kaate, dumansileeni aka awaara miila isaa jala kaa!


Taatule askartiini toko woraanani t'iit'a woraante jennaani d'iigafi bisaani baafatani.


Anini waan taka tana laale gosa Israeli arga. Hayyu bakalcha fakaatuti gosa Yakobo keesa bahe, aka urji deemtu Israeli keesaa d'ufa. Inni worra Moabu gugurda d'ae, worra Sethi ch'ufa d'aana.


Waaqi ha kae nyaapa ufii gargari firfirsuti, nami isaa jibbu ha isa duraa baqatuti.


Ee AABBO Waaqa, nyaapi kanke ha akasuma hobauti, ammo jallaani tante ha akuma biiftu baatu ibsituti! Duuba haga ganna afurtama lafti nagaya argatte.


Worri fuula isaa arge, ammalle maqa isaa adda isaani gubbati t'aafatani.


Amma ya jigani! Tanaafi dandaani daba ira indeebisani, waan Ilma Waaqa ammalle mukha irati fannisani nama ch'ufa durati ch'eersaniifi.


Gaafasi booti Yerusalemu keesa aka gaafa Hadadrimoni diida Megido keesa bohani taati.


Ilmi Nama malaika ufi woliini guddinna Abbaatiini d'ufa, duuba nama ch'ufa huji isaa gula waan isaa male kennaafi.


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Jara arma ejaanju kana keesa nama haga Ilmi Nama guddinna ufitiini d'ufuti indooneti jira.


Guyya Ilmi Nama guddinna ufitiini d'ufu malaika ch'ufa woliini, inni barch'uma guddinna ufi gubba tae,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite