Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 1:2 - KITAABA WAAQA

2 Yohanani ya waan arge ch'ufa hime. Kunini d'aamsa isaa ka waan dubbi Waaqatiifi d'uga Yeso Kristoni mullise himu.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 1:2
22 Referans Kwoze  

Waan oduuni Kristo isani keesati akuma d'ugaa fulla argateefi


Tanaafi jaweeni niititi dalante, d'aloota isi had'u d'at'e, worra seera Waaqa gula deemuufi ka d'uga Yesoni mullise d'ugefatu ch'ufa. Duuba jaweeni taani afaani galaana ejite.


Nu waan Dubbi jireenna ta haguma duriiti jirtu t'aamna: nu ya gurra keennaani d'ageenne, ila teennaani agarre dawanne, harka keennaani tunne.


Kunini nama waawaawaan kana d'ugeesu, ka waan kana t'aafe; aka dubbini isaa d'uga nu imbeenna.


Nami waan kana arge la d'ugeese, dubbini isaa d'uga. Aka d'uga dubbatule inni imbeekha, aka isanileeni d'ugefattani.


Duuba waan argitu kana t'aafi, waan amma jiratiifi ka hegeri tahale.


Anini Yohana oboleesa keesani; Yeso keesa nu gaargalafi Finna isatiifi obsa woliini arganna. Waan anini dubbi Waaqatiifi d'uga Yesoni mullise odeeseefi, lafa bisaani marsani, ta Patmo jed'ani, keesa jira.


Ammo kai, olejad'u. Wonti anini siti mullad'eefi aka hojattu naa taate waan atini argite kanaafi ta anini hegeri siti himuni na d'ugeesitu.


Gumiini ta gaafa inni Lazaro awaala keesaa yaame duisa keesaa kaase isa woliini jirtu taani waan gaafasi agarte ch'ufa odeesite.


Jennaani Ilmeeni Hoola beesisa shaneeso ch'absite waan sorio irati qalani jalati, anini lubbu worra maro dubbi Waaqa dubbatte isa d'ugeeseefi, ijeesani arge.


Ammalle nu ya garre ammalle biyyati odeesina aka Abbaani Ilma ufi erge, aka Qarqaarsa lafaa tahu.


Gaafa anini gara keesani d'ufe aka d'ossa Waaqa ta d'uga isani barsiisu, oboleyaani tiyya, anini dubbi gugurdofi waan qarooma indubbanne.


Wonti akanatiifi nu waan d'ageenne argine kana d'ossu indandeenu.


D'uguma, waan anini siini jed'u, Nu waan beennu jenna, waan argine d'ugeesina, ammo isani dubbi teenna d'ugefachu diddani.


Ammalle Yohanani d'ugeese waan jed'e, Anini Lubbu ta aka sabaliisa jirtu, ta gubba gadi buute isa gubba teetu arge.


Oboleyaani teenna d'iiga Ilme Hoolatiifi d'uga worri odeesuuni isa dabsatte; worri kurfo jira aka jireenna ufi baase duu.


Nami ch'ufti waan Demetrio dansa dubbata; d'ugaleeni waan isaa dansa dubbatti. Nuleeni d'uga teenna iti dara, atini aka wonti nu jennu d'uga imbeeta.


Atini d'uga isaa taata, aka waan agarteefi waan d'ageete nama ch'ufati himtu.


Isiini waan jette, Waan atini argitu kana kitaaba keesati t'aafi, gara gumi torbaani tana ergi: ta Efeso, ta Smirna, ta Pergamo, ta Thiatira, ta Sardi, ta Filadelfia, ta Laodikiale.


Jennaani anini barch'uma guddinnatiifi worra ira tatau arge. Jabeenna worri woiini qoru kennaniifi. Ammalle anini lubbu nama, maro worri d'uga Yesoni mulliseefi dubbi Waaqa odeese ijeesani arge. Worri bineensa inguddimne yokhaani akheekha isale, yokhaani beesisa isaa harkafi adda ira inqabu. Worri aka hayyoota tahe, Kristo woliini ganna kunki toko lafa fide.


Eebiti Aabbo Yeso ha nama ch'ufa woliini teetu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite