Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mika 7:6 - KITAABA WAAQA

6 Bara kana ilmi abba ufii tuffate, intaltileeni dubbi haad'a didde, niitiini ilmaaleeni haad'a isaa d'agayu diddi. Nyaapi namaa ch'ufti worruma isaati.

Gade chapit la Kopi




Mika 7:6
24 Referans Kwoze  

Abbaafi ilmi gargari bahani, haad'afi intalti gargari bahani intalafi haati gargari bahani; ammalle niiti ilmaatiifi haati isaaleeni gargari bahani.


Oboleesi oboleesa ufi duati geesa; abbaani ilma ufi akasuma tolcha; ijoolleleeni abbootifi haad'a ufi akasuma tolchiti.


Jaali kiyya jabaani ka anini guddo d'aabad'e ka nu sagale woliini nyaannuleeni ya nati garagale.


Nami si keesa jiru tokoleeni, ka worra ufiiti saalfatu, injiru. Atini nama gosa d'ibi, ka si keesa tau dabsite, nad'eeni hiyyeeyifi ilmaani hiyyeeyile saamte.


Anini isani ch'ufa imbaanu; nama anini fohad'e imbeekha. Ammo t'aafiini ta, Nami na woliini qit'a nyaatu nati garagala jette guutamu malte.


Nama gariti jira, ka abba ufi abaare haad'a ufiiti ineebimne.


Abbaafi haad'afi oboleyaanifi gosafi jaalaani teesanileeni isani gurguratti; nama gari isani keesa inijeesani.


Yesoni waan jed'e, Nama qit'a qori keesa naa woliini tuqate nyaachu jiruti na gurgurata.


Golliini tante yayu si sobde lafa tana keesaa si baafte; kalchaani tanteleeni ya si dabsatte, jaallaani tante ta atini d'ugefateleeni ya t'urura si jala keete. Waan worri tolchu suni inhubatani.


Anini nama fulla ch'ufati, mudamsuuni ya lafa qabate! Koota jara gugurdati himna jed'e, Wolti hasaasu d'agaya. Jaalani tiyya ta nati aantuleeni ch'ufti, badii tiyya feete waan jettu, Hegeri isa somne, qamne, haalo iraa baafanna.


Oboleyaani tante ta woliini d'alatanileeni yayu siti malatte, faani tante yaate si balleesu feeti. Ato worri afaani dansa siti dubbatele ind'ugeefatini.


Nama abba ufi goyeese haad'a ufi gaafa isiini jaarte tufatu ha ruumichi fooni isaa nyaate, haranqasileeni ila keesa guuratuti.


Ammalle Daudini waan Abishaifi worra isa gugurdaani jed'e, Ilmi kiyya ufiftu na ijeesu fed'a, namichi gosa Benjamini kunini maanifi isani mamsiisa? AABBO Waaqati abaari jed'eeni, iti lakisa ha abaaruti.


Atini lola yau fakaatta, ka nami indandeenne, ammo atini worrati gudda intaatu, waan gulanta takarfatte sire abbeeti d'at'e waan fafa taateefi.


Waan AABBO Waaqi guddaani guddo dallaneefi lafti ch'ufti gubate, ibidi gumi balleese, nami tokoleeni ka arma bahi woliini jed'u injiru.


Nami ch'ufti ha jaala ufi ufira eegu, nami tokoleeni oboleesa ufi ind'ugeefatini; wonti akanatiifi oboleesi ch'ufti akuma Yakobo nama sobe, nami ch'ufti jaala ufi arabsa.


Nami ch'ufti woldabsa, kaimi jaarole insaalfatu, nami seseegi ufitu woma keesa injirre gudda ufiti saalfachuu dida.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite