Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mika 7:19 - KITAABA WAAQA

19 Atini ammalle deebite nuu naate ch'ubbu teenna ch'ufa nuraa fuute, d'immu baariini keesa buufta!

Gade chapit la Kopi




Mika 7:19
36 Referans Kwoze  

Garaani kiyya ka qara hamate garagale, amma nagaya horata. Atini lubbu tiyya waan hamtu ch'ufa duraa baafte, ch'ubbu tiyya dudda iti galte na araaramte.


hojja guyyaani sunini gahu, Israeli keesati ch'ubbu tokole inargani, Yuda keesale hameenni injiru; wonti akanatiifi anini worra hambise kana ch'ubbu isani inaraaramafi, nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Wonti akanatiifi waan isani Seera jala injirre ammo eeba Waaqa jala jirtaniifi dabi isani imohatu.


Nami tokoleeni deebie nama gosa isaa yokhaani oboleesa isatini, AABBO Waaqa beekhi jed'e, imbarsiisu; wonti akanatiifi worri ch'ufti, diqaafi guddaleeni, na beekha. Anini daba worraa araarameefi ch'ubbu worraale deebie inqaabad'u. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Ammo hataatu, Waaqi daba isanii araaramu anuma, anini fed'uma tiyyafi akasi tolche. Anini deebie daba keesani isaniti inheregu.


Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.


Akuma ilti boru ila aduu iraa fago jirtu, akasuma inni ch'ubbu teenna nuraa fageesa.


Nami daba tolchu ka Sheet'anaati, waan Sheet'ani haguma duriiti daba tolchuufi. Ilmi Waaqaa aka huji Sheet'ana dabsatuufi d'ufe.


Wonti akanatiifi yo fed'i nafa keesani gula deemtani indootani; ammo yo Lubbuuni nafa keesani ijeeftani injiraattani.


AABBO Waaqi waan jed'u, Anini worra fayyise deefad'e, garaa kiyya ch'ufaani jaalad'e, iti deebie worrati indallanu.


Inni gumi isaa ta Israeli ch'ubbu keesaa


Ganni torbatama maro torba ganna Waaqi aka gosa tanteetifi dira kanke qulqullo ch'ubbufi hameenna suni keesaa baasu fohate. Ch'ubbu namaa araaramani, d'uga haga jiru jireenna jirtule namaa kennani aka daayyafi fagiisi guutame Mana Waaqa qulqullo maro lameeso jaraani eebisani.


Inni dandae laalala namatiini d'ufa, ammo jaalalti isaa ta inni nu jaalatu jaalala d'ugaati, ammalle jabdu.


Ee Efraimu atini ilma kiyya dansa anini guddo jaalad'uniti? Anini yo maqa kanke d'au ch'ufa, aka si jaalad'u qaabad'a garaani kiyya sii d'arae, sii naha.


AABBO Waaqi hojja aka irreeni gumi isaa laafte argu worra baasa; ammalle hojja laafinna worra isaa hojattu argu innahaafi.


AABBO Waaqi keesani garaa keesanifi ka ilmaani teesani laafise, ufii isani saalfachiisa aka isani garaa keesani ch'ufaani isa jaalattani, lafa suni keesati bultani.


AABBO Waaqi keesani isani naha. Inni gosa d'ibi ta inni keesa isani firfirse keesaa isani deebise, ammalle isani horsiisa.


Anini ch'ubbu worra inaraaramaafi, iti deebie daba worra inqaabad'u.


Ammalle nami lafa teenna keesa tau deebie fayya d'aba inhimatu, ch'ubbu worrale ch'ufa inaraaramanifi.


Anini ch'ubbu worri duri nati ch'ubbame ch'ufa iraa qulqulleese, wollaala worri na dide keesa seene ch'ufa araaramaafi.


Ch'ubbu inni tolche ch'ufa araaramanifi waan inni d'uga gula deemefi jireesani,


AABBO Waaqati deebia, dubbi dansaani waan jettaniini, Ch'ubbu teenna ch'ufa nuu araarami, kad'acha teenna ch'ufa nuu d'agayi, duuba akuma qara jenne kaani si faarsina.


Malaikaani waan worra isa woliini hojatuni jette, Woya t'uriti nami kunini keeyatu tana iraa baasa. Jennaani isiini waan Yoshuani jette, Anini ch'ubbu tante ya siraa fuud'e, amma woya hareeti atini keeyattu sii kenna.


Daudini waan Gadini jed'e, Anini ya ufi jibbaadd'e, lubbuuni na d'ufte harka namaatiini duu imfed'u tanaafi AABBO Waaqumani, ka naasu qabu, ha waan fed'u nu tolchu.


Atini dallansu worrati dallante galfatte, worrati dallanu dide.


Jaalalaafi naasuuni AABBO Waaqa, ta ind'umne guyya ch'ufa inuma jirti.


Anini lubbu tiyya worra Israeliti erga, armaa achi deebie dudda iti ingalu. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa gudda.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite