Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Matayo 9:8 - KITAABA WAAQA

8 Biyyiti waan kana arginaani sodaate, Waaqa ka jabeenna akana kana namaa kenne guddifte.

Gade chapit la Kopi




Matayo 9:8
22 Referans Kwoze  

Nami ch'ufti bakhakhe Waaqa faarse waan jed'ani, Raagi guddaani yayu jiddu teennaa gadibahe: Waaqi la gumi ufiti mullate.


Tanaafi biyyiti duuda dubbatufi farra fayyufi naafa deemuufi balla lafa argu arginaani maadefatte, Waaqa Israeli guddifte.


Duuba kori kaani maro nami ch'ufti waan argeefi Waaqa faarseefi, waan worra tolchu d'abe iti seere galakise.


Guddaani askarti waan tahe arginaani Waaqa faarse waan jed'e, D'uguma namichi kunini nama d'ugaati!


Jennaani nami toko aka fayye ufi arginaani, deebie qonqo guddooni Waaqa faarse.


Inni kae, wosaasa ufi fud'ate, nama ch'ufa durati iti d'aabate. Tanaafi nami ch'ufti mame, Waaqa guddisani waan jed'ani, Nu waan akana kana taka ingarre.


Tanaafi maro tiyyaafi worri Waaqaa gaalata deebise.


Maro waan kanatifi Abbaani kiyya inguddifama, waan isani mid'aani guddo baaftaniifi; akasiini isani jara kiyya taatani.


Harka isi ira kaye, isiini hojuma suni olejatte Waaqa faarsite.


Waan kana d'ageennaani dubbi isaa quufani, Waaqa faarsani waan jed'ani, Waaqi gosa d'ibile ya daba iraa deebise jireenna kenneefi.


Worri waan kana d'ageennaani Aabbo guddise waan isaani jed'ani, Oboleesa, atini ya argite, aka Yahudiini kunki heddu ta d'ugefatte jirtu, ammalle ch'ufti guddo Seera jabeesiti.


Nami waan kana d'agaye ch'ufti guddo mame waan jed'e, Inni waan ch'ufa yayu aka dansa tolche! Nama gurri duudele ind'ageesiisa, ka afaani duudanile indubbachiisa jed'ani.


Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.


Biyyiti ch'ufti mamte waan jette, Kunini hegeri dandae Ilma Daudi taha?


Akasuma ifsaani keesani ha nama durati ifsu, aka hujiini teesani dansaani mullatte Abba keesani ka gubba jiru guddisani.


Duuba inni kae worrati gale.


Tissituuni deebite, maro waan ch'ufa ka d'ageete argiteefi Waaqa guddifte faarsite. Wonti ch'ufti akuma malaikaani worrati himte taate.


Keessumicha kana male, nami deebie Waaqa galata deebisu injiru?


Hojuma suni lafa arge, Yeso gula deeme Waaqa guddise. Nami ch'ufti arginaani Waaqa faarse.


Hujiini teesani tunini d'ugefacha teesani agarsiifti, tanaafi nami hedduuni Waaqa guddisa, waan isani akuma d'uga Odu Dansa ta Kristo jaalattani guuttaniifi, ammalle waan isani arjoomtani worraafi nama d'ibile geetaniifi.


Adabi keesani gara worra Waaqa imbeenne ha dansa tahu, aka yo worri hameenna isani himate, huji teesani dansa argani, duuba Guyya d'ufiisa Waaqa isa faarsani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite