14 Jennaani jari Yohana gara Yeso d'ufe waan jed'eeni, Nuufi Farisayooni maafi Waaqaa jenne ufi agabsina, ka jari kanke ufi inagabsine?
Yo Waaqa kad'achaafi agabdani, fuula iyakatiina, aka worra kiyyiba. Worri fuula yakata, aka agabu worraa nami argu. D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Worri suni gati ufi ya argate.
Jara Yohanatiifi namichi Yahudi toko waan aada qulqullefacha wolmormani.
Farisayooni aka Yesoni Yohana ira nama heddu ufiti yaame batise d'ageete.
Yohanani, ato mana hid'aansa keesa jiru, waan huji Kristo d'agaye jennaani jara ufi Yesoti erge
Nami hedduuni dansumafi balchuma ufi saada, ammo nama dansumafi balchuma qabu aka tabaati lafa keesati inargani?
Yesoni waan worraani jed'e, Keessumaani fuud'aa haga abbaani fuud'a worra woliini jiru lalefachu dandeeti? Guyyaani abba fuud'a worra biraa fuud'ani ind'ufa, duuba hojja suni worri ufi agabsa.