7 Kad'ad'a, isanii kennani; barbaada, inargitani; balbala d'ad'aa, isani duraa banani.
Yo d'ugefattani waan kad'attani ch'ufa inargattani.
Waan kad'annu ch'ufa isa ira inarganna, maro nu seera isaa guunne waan isa gammachiisa tolchinufi.
Yo isani na keesa teetani dubbini tiyya isani keesa teete, waan feetani ch'ufa kad'ad'a, isanii kennani.
Tanaafi waan anini isaniini jed'u, Waan isani Waaqa kad'attani ch'ufa, d'ugefad'a, aka qara d'uguma argattani, duuba inuma argattani.
Na yaami si, jalaa owaad'a, duuba waan mama dansa ka atini waan isii imbeenne siti hima.
Ammo qaraa fiit'e Finnafi d'uga isaa barbaada, duuba wonti kunini ch'ufti teesani taati.
Nami wo kad'atu inargata, nami barbaadu inarga, ammalle nama balbala d'ad'au imbananiifi.
Isani na imfohanne, ammo anati isani fohate erge, aka deemtani mid'aani baaftani, mid'aani ka inhamaanne. Duuba Abbaani waan maqa kiyyaani kad'attani ch'ufa isanii kenna.
Nami tokoleeni, d'ugefacha male, dandae Waaqa ingammachiisu. Nami Waaqati d'ufu, aka Waaqi jiruufi aka Waaqi worra isa barbaadu eebisu d'ugefachu male.
Anini nama na jaalatu jaalad'e, nami na barbaaduleeni na arga.
Ee AABBO Waaqa, atini kad'acha hiyyeesa d'ageete, garaa jabeesita.
Yesoni waan jed'eeni, Yo sila atini galata Waaqaa beete ammalle nama bisaani si kad'atu kana beete, bisaani jireenna isa kad'atta.
Ammalle waan anini isaniini jed'u, Yo isani nami lama lafa tana irati wold'at'ani, Abbaani kiyya ka gubba waan isani kad'attani isanii kenna.
AABBO Waaqi waan worra Israelitini jed'u, Nati koota, injiraattani.
Kad'achaani tunini, yo d'ugefachaani tolchani, nama suni imfayifti: Aabbooni isa imfayisa, daba inni tolchele inaraaramaniifi.
Gaafa atini, kooti na kad'ad'i nani jette, anini, AABBO Waaqa ind'ufa;
Jennaani Yesoni mammaasa kana worrati hime, aka nami guyya ch'ufa Waaqa kad'achu illakimne.
Yo isanu ka hameenna qabdani, waan dansa ilmaani teesani kennu beetani, Abbaani keesani hagasi ira waan dansa worra isa kad'atu kenna!
Hojja gaargali isaniti d'ufu, na yaamad'a; anini d'ufe, isani baase, isanileeni na faarsitani.
Jennaani dira ch'ufa keesa mare, kara diratifi daandi maneeniti deemtu ch'ufa bahe, bad'aaso kiyya ka anini jaalad'u barbaada, ammo argu dad'abe.
Nami gari waan dansa tolcheti guddinnaafi ulfinnafi jireenna ind'umanne barbaadata: nama akana kana Waaqi jireenna hegeri kennaafi.
Ee AABBO Waaqa, anini si faarsa; aada tante na barsiisi.
Atini nuu dansa, ch'ubbule nu araaramta. Ammalle nama si kad'atu ch'ufa jaalala tante ta ind'umanne garsiifta.
Nami siti d'ufu ch'ufti ha gammade qilit'amuti. Nami baafama kanke jaalatu ch'ufti ha guyya ch'ufa, AABBO Waaqi akami gudda jed'uuti!
Hiyyeesi, hojja waan kana argu, ingammada; nami Waaqa kad'atuleeni garaa jabaata.
Halkani suni AABBO Waaqi oobju keesa isati d'ufe waan jed'eeni, Ana maani sii kennu feeta?
Ch'ubbichi herega isaa keesa diqole Waaqa inargu; inni kiyyibe, Waaqi injiru jed'a.
nami hubacha qabu injiru, nami Waaqa barbaadu injiru.
Hojja abbaani mana kae balbala ch'ufe, isani ala ejaanjitani balbala d'od'ooftani waan jettani, Aabbo, nu bani, Inni waan isaniini jed'u, Anini fulla isani baataniifi imbeekhu.
Anini AABBO Waaqa kad'ad'e, duuba inni na d'agaye, waan anini sodaad'u ch'ufa jalaa na baase.
Gammada kanke AABBO Waaqa ira barbaadi, duuba inni waan garaani kanke fed'u ch'ufa sii kenna.
Isani, worri Yerusalemu keesa tau, deebitani imbootani. AABBO Waaqi naaso. Hojja qarqaarsa isa kad'atani inni isani qarqaara.
Guyyuma suni hojattuuni Isaaqoo d'ufte waan eela qotte kaani iti himte, Ya bisaani arganne jetteeni.