Bineensa kaanifi raaga d'ara, ka waan mama isa durati tolche, woliini qabani. Inni qara waan mama kanaani worra beesisa bineensa ufiraa qabu sobe, worra fakeenna bineensa ka boch'ani kad'atele. Bineensafi raagi d'ara, ato jiranu, galaana ibida keesa buusani gubani.
Worri dira suniti mataa gumbo nyaate dubbi namaa qora; qaaloleeni wo nama ira fud'attu male seera nama imbarsiiftu. Raagootileeni beese male woma namaa inhimtu. Duuba worri kunini ch'ufti, AABBO Waaqi nu woliini jira, nu woma intaanu jed'a.
Iti deebine ijoolle d'awaani galaana d'od'ooftu intaanu yokhaani ta barsiisaani nama d'ara ch'ufti chochooftu intaanu, ka malteeni nama d'ibi kara ira gorsu.