Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Matayo 7:14 - KITAABA WAAQA

14 Balbala d'ipofi karaani jabaani jireennati nama geesa, nami argatuleeni diqa.

Gade chapit la Kopi




Matayo 7:14
27 Referans Kwoze  

Wonti akanatiifi nami yaamani heddu, ammo ka fohatani diqa.


Aada lafa tana jaalattani gula indeemina, ammo ha Waaqi garaa keesaniifi qalbi teesani jijiruuti. Yoosi fed'i Waaqa barattani, waan dansa, ka isa gammachiisa, ka qit'e.


Kara gudda tokoti achi jira, ka kara Qulqullooma jed'aniini. Nami ch'ubbu qabu, ka kara suni suni gula deemu injiru, daalleleeni nama kara suni gula deemu iraa ingorsitu.


Jennaani Yesoni jara ufi wolti yaame waan worraani jed'e, Yo nami na gula deemu fed'e, ha ufi mormate, maskali ufi baate na gula deemuti.


garaa worra d'ugefate jabeese aka d'ugefacha keesa taani gorse waan jed'e, Nu gaargala guddaani Finna Waaqa argachu malle.


Anini kara d'ugaa gula deema, daandi qajeeluma iraa ingoru.


Hojja mirgaafi bita kara iraa gortani, qonqo isani duubaa dubbatu, ta karaani kana, gula deema, jettu d'ageetani.


Waan kana anini ya isaniti hime, aka na keesa nagaya argattani. Lafa keesa d'ipu argattani, ammo garaa jabaad'a! Anini ya lafa dabsad'e.


Yesoni waan jed'e, Nami qara ka eege taha, ammo ka eege ka qara taha.


AABBO Waaqi waan gumi isaatini jed'e, Fulla woldeenna karaa ejaanja wo ilaala kara dullachaafi kara iraa dansa gaafad'a! kara suni gula yaa, nagaya argattani. Ammo worri waan jed'e, Hiyo nu kara suni gula iyyaanu.


Insodaatiina, gumi diqo! Wonti akanatiifi Abbaani keesani Finna isaa isanii kennu fed'a.


AABBO Waaqi waan jed'u, Gumiini tiyya ha naa galtu. Gufu ch'ufa duraa gorsa, kara ch'ira, kurfeesa!


Maafi akana? Maro waan tolchani d'ugefachaani intolchiini ammo hujiini tolchanifi. Tanaafi worri gufu d'akhaa,


Maneeni Waaqa iti kad'atani keesaa isani yaasani. Tana male, hojjaani ind'ufti ta nami isani ijeesu waan Waaqaa hojatu ufi sehu.


Atini kara jireenna na garsiifte; yo fulla tante jiru anini gammada qaba, atini haga jiru jireenna na machesita.


Balbala d'ipooni olseena. Balbala ballofi karaani laafaani gara badi nama geesa, nami achi deemuleeni heddu.


Raagoota d'ara eegad'a, ta bifa jijiratte isaniti d'uftu, ammo keesi worraa aka yai jira.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite