Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Matayo 6:4 - KITAABA WAAQA

4 aka qarqaarsi kanke waan d'ossa tahu, duuba Abbaani kanke ka waan atini d'ossaani tolchitu argu galata si baasa.

Gade chapit la Kopi




Matayo 6:4
19 Referans Kwoze  

aka nami agabu tante inagarre; ammo Abba kanke ka d'ossa jiru ch'allati arga. Abbaani kanke ka waan d'ossani argu galata sii baasa.


Ammo atini yo Waaqa kad'attu mana kanke keesa seeni, balbala ch'ufi Abbaani kanke ka waan atini d'ossani tolchitu argu galata sii baasa.


Anini, AABBO Waaqi, qalbi nama ch'ufa laale, garaa namale ilaalad'a. Anini nama ch'ufa adabuma isaa gula waan male kennaafi, waan inni tolchu gula.


yoosi eeba argatta; wonti akanatiifi worri waan si deebisu inqabu. Waan suni ch'ufa guyya kaisa jara d'uga si deebisani.


atini imbeetu? Atini herega keenna ch'ufa imbeeta.


Nami tokoleeni dandae fulla tokoleti na duraa ind'okhatu. Isani aka anini fulla ch'ufa lafafi gubbale jiru imbeetani?


Wonti d'ossani ta imullanne injirtu, yokhaani malileeni ka nami ch'ufti beekhe alati imbaamne injiru.


Tanaafi anini, AABBO Waaqi Israeli, waan jed'u: Anini duri aka worraafi gochiti tante haga jiru jireenna qaallu naa tatu kakhad'e. Ammo anini amma aka suni ya dide! Anini amma nama na guddisu guddise ammo nama ch'eera naa d'abu tufad'a.


Gara isaa ka dandae jigu isani d'owe, wollaala male gammadaani guddinna isaati isani geesu.


Waan tokole dandaani Waaqa ind'ossani. Wonti lafa keesa jira ch'ufti ila isaa dura jirti; isa durati waan keenna ch'ufa himachu malle.


Hubad'a, nami, maro inni na gula deemuufi ijoolle didiqo tana toko bisaani guraachale obaase, galata ufi ind'abu.


dukanti sii dukananiti, halkanileeni sii guyyuma. Dukanafi ifsaani sii akuma takaa jirti.


Anini ijoolle isile d'ae fit'a, duuba gumiini ch'ufti aka anini heregafi garaa nama ch'ufa ilaalu baratti. Ammalle anini isanii ch'ufa, huji teesani gula, woi isani kenna.


Tanaafi ato hojjaani ingahiini nama tokole inqorina. Qorsumaani muumme gaafa Aabbooni mullatu taati. Inni waan d'ossaniifi herega garaa nama ch'ufa diidati baasa. Gaafasi nami ch'ufti faaru inni argachu male Waaqa ira argata.


Atini garaa kiyya imbeeta; halkaniini nati d'ufte na ilaalte, d'araa hamtu tokole na keesaa d'abde.


Yo waan kana tolchiteefi atini ch'ile owitu mata gubbati guurte AABBO Waaqileeni si eebisa.


Ammo yo hiyyeesa qarqaartu harki bitaachi waan harki mirgichi tolchu imbeekhiini,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite