25 Tanaafi anini isaniti hima, Jireenna yokhaani nyaata d'ugaati, yokhaani waan nafaati uyifatani ind'ind'insiina. Jireenni liqimsa ira injiru: Yokhaani nafi woya ira injiru:
Waan tokole inqulqulliina, ammo kad'acha teesani ch'ufa keesati waan feetani ch'ufa Waaqa kad'ad'a guyya ch'ufa galata Waaqaa deebisa.
Gaargala keesani ch'ufa harka isaati kennad'a, wonti akanatiifi inni isani jaalate qorqorata.
Inni Ilma ufile nu ind'owanne, ammo nu ch'ufaa baase! Inni ka Ilma ufi nuu kenne, waan nu feenu ch'ufa tolaani nuu inkennu?
Gaargala kanke AABBO Waaqati kennad'i, nami si jabeesu isuma; inni aka nama d'uga dabsatani ee injed'u.
Tanaafi d'ind'insitani, Maani nyaanna yokhaani maani d'unna yokhaani maani uyifanna: injed'ina.
ammo d'ipu lafa tanaatiifi gammada horitiifi d'araani gosa ch'ufaa seente, dubbi qanch'arsitu, aka mid'aani imbaamne.
Yo qorsuma isani yaamani, waan dubbattanifi waan jettani inheregiina; waan isani jettani hojuma suni isaniti himani.
Anini isanii woi yaaddani imfed'u. Nami nad'eeni inqamne waan huji Aabbo herega, waan inni Aabbo gammachiisu fed'uufi;
Tanaafi waan bori ind'ind'insiina, waan bori, ha borumani ufi d'ind'insituti. Guyyaani ch'ufti gaargala ufi qaba.
Askartiini huji hojattu gudda isii gammachiisu feeti, waan d'ibi ka huji askartii intahiini keesa seenu imfeetu.
Mid'aani qorati keesa jigani suni jara d'ageennaani d'ipufi horifi gammada jireenna lafa tanatiini qanch'are mid'aani aada imbaamne fakaatani.
Mid'aani qoraati keesati fach'aasani suni nama dubbi d'agaye, ammo herega lafatiifi sobi durooma dubbi taani ukaamse, mid'aani d'alu d'owu fakaata.
Yo Mana Waaqatiifi jaarolefi nama gugurda dura isani geesani, waan deefattaniifi waan dubbattani iyaadiina.
Ammalle hojja isani guurani qorsuma geesani ch'ufa, waan jettani durati iyaadiina, ammo waan gaafasi isaniti kennani jed'a. Wonti akanatiifi ka dubbatu isaniiniti, ammo Lubbu Qulqullo.
Atini waan guddo barbaadachuu jirta? Imbarbaadatini. Anini badii nama ch'ufati d'ufuniti jira. Ammo atini fulla baatu ch'ufa lubbu teetiini inuma baata. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.