Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Matayo 6:2 - KITAABA WAAQA

2 Tanaafi yo hiyyeesa qarqaartu, magalata ufi durati ind'aiini, aka nami kiyyibaani Maneeni Waaqa iti kad'ataniifi kara keesati tolchu, aka nami sila worra guddisu. D'uguma waan anini isaniini jed'u, Worri suni gati ufi ya argate.

Gade chapit la Kopi




Matayo 6:2
56 Referans Kwoze  

Yo Waaqa kad'attani, aka nama kiyyibu intahiina! Wonti akanatiifi worri Maneeni Waaqa iti kad'atani keesafi d'aatu kara ejaanjani kad'achu fed'ani, aka nami worra argu. D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Worri suni gati ufi ya argate.


Yo Waaqa kad'achaafi agabdani, fuula iyakatiina, aka worra kiyyiba. Worri fuula yakata, aka agabu worraa nami argu. D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Worri suni gati ufi ya argate.


Anini guddinna nama iraa imbarbaadu.


Waan dansa tolchaafi woli qarqaarsa inded'ina. Sorioni akana tunini Waaqa gammachiifti.


Jara Seera beekhu eegad'a, ka woya d'ed'eertuuni yau fed'u, ka fulla gabayati aka nagaya fuud'ani fed'u, ka mana Waaqa iti kad'atani keesati dura tau fed'u, ka barch'uma dansa hojja sagale woliini nyaatani fed'u,


Nami qalbi ufiitini dubbatu guddinna barbaada. Ammo anini ka guddinna Waaqa na erge barbaadu ka d'ugaati; ammalle na keesa d'arti injirtu.


Nami wo barsiisu ha dubbuma Waaqaa barsiisuti; nami hojatu ha jabeenna Waaqi kennufiini hojatuuti; aka waan ch'ufa keesati Waaqa faarsani, Yeso Kristo, ka guddinnaafi jabeenna haga hegeri qabu keesa. Amini.


Ch'ubbichi liqe fuud'e baasuu dad'aba, ammo nami d'ugaa arjomaani woi namaa kenna.


Nami duri wo hatu ha hanna lakise hojatuuti, aka harka ufitiini ufi bulche hiyyeeyile qarqaaru.


Wonti worri nuuni jed'e, Nama keenna ka gaargala qabu ch'alla qaabad'a; sunileeni woma qara garaani na fed'e.


Inni isi arginaani rifate waan jed'eeni, Maal, Aabbo? Isiini waan jetteeni, Kad'acha teetiifi waan atini maro Waaqatiifi namaa kennitu ya fuula Waaqa durati si qaabatani.


AABBO Waaqi waan jed'e, Magalata d'aa! Nyaapi akuma risa, gumi AABBO Waaqa irati sirbuu jira; wonti akanatiifi worri ya wold'aqisa nu woliini tolfanne ch'abse barsiisa tiyya dide.


Waan dansa tolcha jed'iini, Huji dansaani durooma jed'iini, Arja taha, waan qabdani namaa qooda jed'iini.


Yo nama d'ibi jabeesine, aka dansa jabeesu malle. Nami waan harkaa qabu namaani gahu fed'u ha arjoomaani gahuuni; nami nama dura deemu ha aka dansa dura deemu; nami namaa nahu ha gammadaani nahu.


Ganna heddu Yerusalemu iraa tae jennaani horifi sorio gosa tiyya baasu d'ufe.


Waan naani jed'e, Kornelio, kad'acha tante ya d'agayani, ammalle aki atini biyya wo kennitu la fuula Waaqa dura gahe, akasiini amma ya si qaabatani.


Inni nama dansaa ka Waaqa sodaatu, isaafi worri isaaleeni. Inni guddo maro Waaqatiifi wo namaa kenne, guyya ch'ufale Waaqa kad'ata.


Dira Yafa keesa, niiti d'ugefatte tokoti jira, ta Tabitha jed'ani, yokhaani Dorkasi, akasi jechaani Guguufto jechu. Niitiini tunini waan dansa heddu tolchite hori hiyyeeyi kennite.


Nami gari waan Yudani subba hori harkaa qabatuufi waan Yesoni, Waan nu jilaa feenu nu biti, yokhaani, Hiyyeeyii hori kenni jed'eeni sehe.


Isani akami dandeetani d'ugefattani, ka guddinna wolira argattani, ammalle guddinna Waaqa tokocha iraa d'ufu barbaadu diddani?


Yokhaani akami dandeete oboleesa kanketiini, Aadda, eegi, huba ila tante keesaa fuud'a jetta, ka ufiiftu jirma ila tante keesa jiru inargine? D'articha, qara jirma ila tante keesaa fuud'i, yoosi aka dansa huba ila oboleesa kanketi keesa jiru argite keesaa fuuta.


Mana Waaqa iti kad'atani keesati dura tatau jaalatu, ka jila keesati fulla dansa tatau fed'u.


Nami hedduuni dansumafi balchuma ufi saada, ammo nama dansumafi balchuma qabu aka tabaati lafa keesati inargani?


Nami hiyyeesa wo kenne ya Waaqa wo kenne, AABBO Waaqileeni waan inni kenne suni inuma deebisaafi.


Inni arjomaani hiyyeesa woi kenne, dansumti isaa haga jirtu inhobaatu, inni irre horate, gurra dansa argata.


Jaalalti tante, oboleesa kiyya, ya gammadafi jabeenna gudda naa kennite! Wonti akanatiifi atini ya nama Waaqa ch'ufa gammachiifte.


Nu nama nu faarsu, isanifi nama d'ibile imbarbaanne,


Jari Yeso ch'ufti, haga dandau, aka oboleyaani Yudea keesa jirtu qarqaaru woli gale.


Jennaani Aabbooni waan jed'eeni, Isani kiyyibdoole, isani ch'ufti guyya Sabato loonifi harre teesani bobbaaftani oba ind'ooftani?


Isani kiyyibdoole! Waan lafatiifi ka gubba himu imbeetani; ammo akami waan ammatani himu dad'abdani re?


Waan qabdani gurgura, eebaani wo namaa kenna. Subba indulomane mid'aafad'a, hori gubba jiru ka inhobaamne olkeyad'a, fulla hattuuni iti ind'iaanne yokhaani fulla bilaachi imballeesine.


Gaargala keesani, Farisayo! Barch'uma ch'ufa ira dansa mana Waaqa iti kad'atani keesati feetani, ammalle aka gabaya keesati nagaya isani fuud'ani jaalattani.


Ammo waan mudunufi qori keesa jira hiyyeeyii qooda, duuba wonti ch'ufti qulqullo isanii taati.


Ammo gaargala keesani dureeyi: qooda keesani ka gammada la argattani.


Inni waan jed'eeni, Isani kiyyibdoole, Isayani ka waan keesani fage, d'uga dubbate waan jed'e, Gumiini tuni afaani ufitiini na guddifti, ammo garaani worraa nara fago jira.


Abbaani kaani gargari isa ch'ich'ire jara kikiyyibani wolti dara. Achiti bohe ilkaani qara.


Fulla jilati fulla dadansa fed'ani, maneeni Waaqa iti kad'atani keesale barch'uma dadansa fed'ani.


Yesoni ch'ubbu worra beennaani waan jed'e, Isani kiyyibdoole! Maanifu afaani na fuud'u feetani?


Ammo diirama, Bokai irrooba jettani, waan dumansi guraatae d'ud'ufaeefi. Isaani waan gubba beetani, ammo akheekha bara kana gargari barachu imbeetani.


Isani kiyyibdoole! Isayani d'uga dubbate, gaafa waan keesani fage!


Sagale teesani nama beela qabuu kenna, hiyyeesa mana inqamne mana keesani bana. Nama qulla yau woya kenna, fiit'a teesani qarqaaru indidina.


Tanaafi AABBO Waaqi kaima tokole fiigu d'owu dide, nad'eeni hiyyeeyifi ilmaani hiyyeeyile nahu dida; wonti akanatiifi gumiini tokoleeni Waaqa imbeetu, waan hamtu tolchite hameenna ch'alla dubbatti. Ato akasile taate, dallansuuni AABBO Waaqaa isa ira ingaltu, inni harka d'eerefate ammalle worra d'aanuu fed'a.


Hori kanke fulla heddu olkeyad'u; wonti akanatiifi waan hamtu guyya toko lafa tana keesati siti d'ufa imbeetu.


Sauloni waan jed'eeni, Anini yayu ch'ubbu tolche, ammo hataatuti atini jaarole gosa tiyyatifi worra Israeli ch'ufa durati na inch'eersini na woliini deemi, aka anini AABBO Waaqa kad'ad'u.


Kiyyiba! Qaraa fiit'e jirma ila tante keesaa fuud'i, duuba aka dansaa lafa agarta, aka ila oboleesa keti keesaa filida fuutu.


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Haga lafafi gubbaani dabartuti ch'obi Seera tokoleeni indabru haga seeri ch'ufti guutamuti.


Anini gosa Waaqa imbeenne ta na dallansiftuti erga, aka worra hatani saamani akuma huura kara keesati ira ejaanjatani.


Ammo yo hiyyeesa qarqaartu harki bitaachi waan harki mirgichi tolchu imbeekhiini,


Waan ch'ufa aka nami worra argu tolchani. Qud'aami worri addafi harkati hid'atu waan gugurda, handaari woya worraleeni waan d'ed'eera.


Yo anini waan qabu ch'ufa biyyaa kenne, Nafa kiyyale guba jed'e, ammo jaalala inqamne woma naa imbaatu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite