Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Matayo 6:13 - KITAABA WAAQA

13 Ilaalacha nutiini ind'ufiini, ammo waan hamtu nuraa d'owi.

Gade chapit la Kopi




Matayo 6:13
57 Referans Kwoze  

Ilaalachaani namati d'uftu woma qara lafa jiraati. Ammo Waaqi kakhu ufi jabeesa. Inni ilaalacha isani ira hafu indandeenne isaniti inllakisu. Ammo hojja isani ilaalatani, inni jabeenna isani obsitani keesaa batani isanii kenna.


Aka atini lafa keesaa worra baaftu anini inkad'ad'u; ammo aka hama suni worra ira d'owartu.


Tataa, Waaqa kad'ad'a, aka ilaalacha keesa inseene. Lubbuuni imfeeti, ammo nafi indandau.


Eegi waan kana anini waan aka qonqo guddo ta nama heddu gubba d'agaye ta, Waaqa faarsa! Baafamafi guddinnaafi jabeenni ka Waaqa keennati!


Ammo Aabbooni ka d'ugaati. Inni isani jabeeseti Sheet'anale isani iraa d'owa.


Finni kanke ha d'ufu, fed'i tante lafati ha guutani aka gubbaa guutani.


Anini harka nama hamaatifi harka nama woyaku jalaa si baasa. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Tanaafi Waaqi aka nama d'uga gaargala isaa duraa baasu imbeekha, ammalle nama hama haga Guyya Qorsuma gaargalchu imbeekha,


Ilma isaa ka gubba gadi d'ufu eegattani, Ilma isaa Yeso, ka inni duisa keesaa kaase, dalansu Waaqa ta hegeri d'uftu duraa nu baasu.


Waaqi hayyu lafa ch'ufaati; faaru d'aad'a, isaa faarsa!


Irreefi humnaafi, guddinnaafi mid'aagumafi jabeenni keetuma. Wonti gubbafi lafa keesa jiraleeni ch'ufti keetuma, atini hayyu hayyu ch'ufa mohatu.


Inni imimaani ch'ufa ila worraa iraa haaqa. Iti deebie nami induu, lalefachafi boafi d'ukubsachaani injirtu. Wonti duri ya badde.


AABBO Waaqi hayyu haga jiru jireennati. Nami waaqa d'ibi kad'atu lafa isaa keesaa bada.


Waan atini aka anini, Obsi siini jed'e, obsiteefi, anini gaargala lafa ch'ufati d'ufe nama lafa ch'ufa ilaalatu duraa si baasa.


Nami daba tolchu ka Sheet'anaati, waan Sheet'ani haguma duriiti daba tolchuufi. Ilmi Waaqaa aka huji Sheet'ana dabsatuufi d'ufe.


Kurfo taa, eegad'a! Nyaapi keesani Sheet'ani, aka nyeench'a itanaa deeme nama nyaatu barbaada.


AABBO Waaqa Israelii faarsa! Ammaafi hegerile faarsa! Amini! Amini!


AABBO, Waaqa Israeli, faarsa! Haga jiru jireenna ch'ufa isa faarsa! Jennaani gumiini ch'ufti Amini jette, AABBO Waaqa faarsite.


Ammo Yabeesini Waaqa Israeli yaamate waan jed'e, Ee Waaqa, na eebisi, lafa guddo ballo naa kenni, waan hamtu na gaargalcha ch'ufa naraa d'owi. Waaqileeni akasuma waan inni kad'ate suni ch'ufa guutefi.


Lafa gamooji ta aloo suni keesati sagale manna jed'ani, ta ababooti teesani taka inyaatini, isanii kenne. Inni aka isani ilaalatu gaargala isaniti buuse, aka eegi tana isani eebise, waan dansa isaanii kennu.


AABBO Waaqa, atini haga jiru jireennale lafa mohatta.


Eegi suni Waaqi Abrahamu laalate waan jed'eeni, Abrahamu! Abrahamuuni owaate waan jed'e, Ani kuno.


Aka d'aloota hama kana keesaa nu baasu Kristoni maro daba keennatifi ufi baase, fed'i Waaqa Abba keennati guute.


wonti akanatiifi waan Waaqi kakhate ch'ufa inni ee jed'a. Maro waan kanatifi maro Yeso Kristotiifi nu Amini jenne Waaqa guddimna.


AABBO Waaqi guddaani ka sodaachu malani; inni hayyu gudda, ka lafa ch'ufa fidu.


Bisaani kunini ha garaa kanke seenani, garaa kanke iitesani, saaba kanke yakaniiti. Isiini ha ee, AABBO Waaqi akasi na tolchina jettuti.


Gaargala d'ufu insodaatiini! Ch'aqasi, Sheet'ani isani gari mana hid'aansa keesa buuse isani ilaalata; haga bulti kud'ani d'ipatani gaargaltani. Haga dootuuti nama d'ugefatani tahi, duuba anini eebafi jireenna sii kenna.


Anini ka jiru! Duri la due ammo amma haga hegerile injira. Fura duisatiifi ka awaalale harkaa qaba.


Wonti isani jettani ch'ufti ha Eetiifi Hiyyo ch'allaa taatu, ta tana ira Sheet'ana keesaa baati.


Namaani gargari si baasani, bineensani wolti sigalchani, ganna torba akuma karaaba buuyo si nyaachisani fit'eesa keesa ala si bulchani. Duuba eegi suni atini ee jetta, aka Waaqi guddaani dandae lafafi nama ch'ufa fide, abba fed'u kennu.


Kiyyibu na d'owi, ammalle dureesafi hiyyeesale tahu na d'owi, ammo woma anini nyaad'e d'ugu ch'alla naa kenni.


Aka AABBO Waaqi keesani ganna afurtama kana, lafa aloo ta gamooji tana keesa isaaniini deeme, qaabad'a; inni aka isani ilaalatu gaargala isaniti erge, aka waan garaa keesani keesa jirafi aka isani seera isaa guuttani beekhu.


Yo atini lubbu ch'allaani Waaqa galata deebifte, nami gumi teesani keesa tau kaani akami dandae, Amini jed'a? Inni kara waan atini jettuuni hubatu inqabu.


waan anini isani barsiise ch'ufa guuta worraani jed'a. Beekha, haga guyya muummele anini isani woliini jira.


Gumiini qulqullooni Waaqa guddaa, jabeenna lafaani fiddu argatte haga jiru jireenna teeti.


AABBO Waaqa Israeli ha faarsani! Ammaafi hegerile ha faarsani! Nami ch'ufti ha Amini jed'u! AABBO Waaqa faarsa!


AABBO Waaqa haga jiru jireenna ha faarsani, Amini! Amini!


Maqa isaa dansa haga jiru jireenna ha faarsani! Guddinni isaa ha lafa ch'ufa guututi. Amini! Amini!


Benaiyani waan jed'eeni, Hayye ha tatuuti, AABBO Waaqi kanke guutinna.


Jennaani jaarole diddami afuritifi wonti Lubbu qaba afraani taani lafati jidde, Waaqa barch'uma guddinna gubba tau durati jidde, isa guddifte waan jette, Amini! Waaqa faarsa!


Jennaani anini waan gubba jiratiifi, ka lafa jiratiifi ka lafa jala jiratiifi, ka bisaani keesa jirale waan lafa tana keesa jira ch'ufa, ka sirba d'agaye; gara nama barch'uma guddinna gubba taufi gara Ilme Hoola. Faarufi guddinnaafi ulfinnafi jabeenni ha tahu. Haga hegeri! jed'ani.


Gara malaika gumi Laodikia waan kana t'aafi, Tunini dubbi Amini jed'u, inni ka d'ugefataniifi ka d'ugaati, Waaqi waan ch'ufa isaani uume.


Nama gari goyeesani lichooni d'aanani, ka gari haada sibiilatiini hid'ani mana hid'aansati geesani.


Gara Hayyu haga hegeri tau, ka indoonefi ka imullanne, Waaqa tokocha, guddinnaafi ulfinni ha isaa tahu, ammafi hegerile! Amini.


Hayye, hataatu AABBO Waaqi tolchinna. Dubbi atini jette tana inni sii d'ugeese, miha Mana Waaqatifi nama boojiani Babiloni geesani ch'ufa deebisinna.


Finni ka AABBO Waaqati, inni lafa ch'ufa fida.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite