Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Matayo 6:10 - KITAABA WAAQA

10 Finni kanke ha d'ufu, fed'i tante lafati ha guutani aka gubbaa guutani.

Gade chapit la Kopi




Matayo 6:10
44 Referans Kwoze  

Isani obsu maltani, aka fed'i Waaqa tolchitani, waan inni kakhate argattani.


Yesoni waan jed'eeni, Sagaleeni tiyya aka anini fed'i nama na erge tolche huji isaa hobaasu.


Maro lameeso Yesoni deeme, Waaqa kad'ate waan jed'e, Yo mudunu tana haga anini d'uguti naraa imfuune, fed'iini tante ha taatuuti.


Nama waan Abbaani kiyya ka gubba fed'u tolchu ch'allati oboleesafi, oboleetifi, haad'a tiyya.


waan ch'ufa keesati galata deebisa. Wonti Waaqi isani ira fed'u tana, jireenna keesani ka Kristo keesa jiru.


Aada lafa tana jaalattani gula indeemina, ammo ha Waaqi garaa keesaniifi qalbi teesani jijiruuti. Yoosi fed'i Waaqa barattani, waan dansa, ka isa gammachiisa, ka qit'e.


Wonti Aabbooni fed'u tana: aka worri Ilma arge d'ugefatu ch'ufti jireenna hegeri argatu; duuba anini guyya muumme duisa keesaa kaasa.


Maro waan kanatifi nu haguma waan keesani d'ageenne Waaqa isanii kad'anna. Nu Waaqa kad'anna, aka inni fed'i ufi aka dansa isani barsiisu, hubachaafi qalbi Lubbuuni isaa namaa kennitu ch'ufaani.


Hojja worri isani ilaalu ch'alla inhojatiinaafi, ammo garaa keesani ch'ufaani waan Waaqi fed'u tolcha, aka tissele Kristo.


Ee Waaqa kiyya, anini akami fed'i tante guutu fed'a! Barsiisaani tante qalbi tiyya keesa jirti.


Nami Aabbo, Aabbo, naani jed'u ch'ufti Finna gubba inargattu, ammo nama fed'i Abba kiyya ka gubba jiru guutu ch'allati argata.


Fed'iini Waaqa tana: aka isani hasaa daalluma, ka worra woma imbeenne, huji teesani dansaani ch'allisiiftani.


Waaqi nagayaa waan dansa ka isani feetani ch'ufa isanii kenniina, aka fed'i isaa tolchitani; ammalle inni Yeso Kristo keesa waan isaa gammachiisa nu tolchisiisiina. Guddinni haga hegeri gara Kristo ha tahu! Amini.


Daba iraa deebia, Finni gubba ya, d'iaate.


Jabeennafi guddinna lafa hayyuuni fidu ch'ufa gumi Waaqa guddati kennani. Finni worra ka jiru jireennati, nami lafa mohate ch'ufti worraa hojate saalfatafi.


Aabbo, yo feete, mudunu tana nara fuud'i; tatule fed'i tiyyaniti, ammo tante ha taatu. [


Yo nami fed'i Waaqa tolchu fed'e, aka wonti ani barsiisu gara Waaqati baate yokhaani anumaani dubbad'u gargari imbeekha.


Bara hayyooti suni lafa fiddu Waaqi gubbaa finna haga jiru jireenna ind'umanneeni d'ufa. Finna suni dandaani indabsatani, ammo inni finna d'ibi ch'ufa balleese haga jiru jireenna mohata.


Jennaani anini waan aka qonqo nama heddufi waan aka bisaani guddo gubbaa gadi jigatifi, waan aka qawe mandiisu d'agaye. Ammalle waan jed'ani, Waaqa faarsa! Wonti akanatiifi Aabbooni, Waaqi keenna Guddaani, Hayyu!


Wonti Waaqi isani iraa fed'u tana: inni isanii qulqullooftani algalooma lagattani fed'a.


Inni sosobamu dinnaani Fed'iini Aabbo ha taatu jenne galakimne.


Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa womatu indaru, malaikaani gubbatiifi nami lafaleeni ch'ufti finna isaa jalati bula. Nami woi isani morme, Atini maani taata? jed'e gaafatu injiru.


Eege Waaqi isa lakise Daudi hayyu worraa tolche. Waaqi isa d'ugeese waan jed'e, anini yayu Daudi, ilma Yese argad'e, ka garaani kiyya maache fed'i tiyya ch'ufa guutu.


Haga guyya suniti Yesoni odu dansa odeese waan jed'e, Daba iraa deebia, Finni gubba ya d'iaate.


Jennaani anini qonqo guddo ta akana jettu d'agaye: Amma baafami Waaqaa yayu d'ufe! Waaqi ya irre ufi aka hayyu garsiise! Kristoni isaa ya jabeenna ufi garsiise! Wonti akanatiifi nama oboleyaani teenna himatu, ka halkani guyya Waaqa dura eje worraa himatu, la gubbaa gadi gatani.


Armaa achi jireenna keesani ch'ufaani fed'i Waaqa keesa taa, d'araa nafa lakisa.


Jennaani anini waan jed'e, Anini kuno, Ee Waaqa, aka waan atini feetu ch'ufa tolchu, akuma kitaaba Seera keesati waan kiyya t'aafani.


Waan jed'ani, Ee Waaqa hayyu maqa Waaqatiini d'ufu eebisi! Nagayafi guddinni Waaqa gubbaa ha tahu!


Nami fed'i Waaqa guutu ch'ufti oboleesafi haad'a tiyya.


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Jara arma ejaanju kana keesa nama haga Ilmi Nama guddinna ufitiini d'ufuti indooneti jira.


Daayya suni keesa anini waan nama fakaata arge. Inni, ka dumansa keesa deemu, nati gadi d'ufe, namicha haga jiru jireenna jiru kaaniti qajeele, jennaani isa duraani d'ufani.


Jennaani worri Israeli kad'acha tana kad'ate: Ee AABBO si ch'allati AABBO Waaqa; nami gubbafi urjile uume siuma. Atini lafafi baariinifi waan keesaa jira ch'ufa uumte jireesite wonti gubba jira ch'ufti gajette si kad'ati.


Waaqi finna Aabbo keenna Daudi, ka d'ufu jiru eebisinna! Waaqa faarsa!


Jennaani malaikaani torbeeso magalata ufi d'oofte, qonqooni guddooni gubbaa baate waan jette, Jabeenni lafaani fidani amma ka Aabbo keennatiifi ka Kristo isaati, inni haga hegeri fida.


Jennaani anini barch'uma guddinnatiifi worra ira tatau arge. Jabeenna worri woiini qoru kennaniifi. Ammalle anini lubbu nama, maro worri d'uga Yesoni mulliseefi dubbi Waaqa odeese ijeesani arge. Worri bineensa inguddimne yokhaani akheekha isale, yokhaani beesisa isaa harkafi adda ira inqabu. Worri aka hayyoota tahe, Kristo woliini ganna kunki toko lafa fide.


waan jed'u, Anini gaara kiyya qulqullo Sioni gubba yayu hayyu kiyya kaye.


Malaikaani maani re? Worri lubbu Waaqaa hojattu, ammalle isati worra erga, aka worra baafama argatu qarqaartu.


Inni ya jabeenna dukana keesaa nu baase, nagayaani finna Ilma isaatiini nu gahe.


Worri waan kana d'ageennaani Yesoni mammaasa kana worrati hime, maro inni Yerusalemuti d'iaateefi, ammalle waan worri waan Finni Waaqa d'iotu mullatu seheefi.


Gammada, qilit'ama, worra Sioni! Gammada, lalaba, worra Yerusalemu! Laala, hayyuuni keesani isaniti d'ufuu jira! Inni ka waan ch'ufa dabsate irre guddo qabuti d'ufa, ammo inni ufi insaadu, harre yaabata — bukhura harreeni d'altuni d'alte gubba taa.


Takaa tana gaari Mana Waaqaa irati jaarani gaara ch'ufa ira d'eerate kubile ch'ufa bira dabra. Gochiti hedduuni aka biyye tana iti yaate,


Inni waan naani jed'e, Waaqi ababoota teenna ya si fohate, aka atini fed'i isaa baratte Nama d'uga suni argite qonqo afaani isaa iraa d'ageetu.


AABBO Waaqi waan jed'u, Guyyaani ind'ufa, ka anini d'aloota Daudi keesa nama d'uga toko fohad'e hayyu tolchu. Hayyichi sunini kara dansaani nama fidde, waan d'ugaatifi ka qajeela lafa ch'ufa keesati tolcha.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite