Guyyaani Sabato geennaani, inni Mana Waaqa iti kad'atani keesati nama barsiise. Nami isa d'agaye hedduuni mame waan jed'e, Namichi kuni eesaa waan kana argate? Qaroomi isaa kennani kunini maani? Wonti mama ta inni tolchu tuni maani?
Gaafa toko, ato inni nama barsiisu jiru, Farisayoofi jari Seera beekhu ka olla ch'ufa ka Galilayatiifi ka lafa Yahuditiifi dira Yerusalemule d'ufe woliini tataani.