Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Matayo 3:16 - KITAABA WAAQA

16 Eegi Yesoni batiso argate, hojuma suni bisaani keesaa baanaani, gubbaani banamte, Lubbu Waaqa ta bifa sabaliisa qabdu, ta isa ira teetu arge.

Gade chapit la Kopi




Matayo 3:16
14 Referans Kwoze  

Lubbuuni AABBO Waaqa isa gubba teete, qaroomafi beekhaafi qalbi namaani fidani isaa kenniti. Inni fed'i AABBO Waaqa beekhe isa guddise, isa sodaate,


Akuma Yesoni bisaani keesaa baheeni, inni gubba banamte, Lubbu bifa sabaliisa qabdu, ta isa gubba buutu, arge.


AABBO Waaqi waan jed'u, Hojattuuni kiyya ka anini jabeesu kuno kana, inni nama ani fohad'e, isumati na gammachiisa. Anini ya lubbu tiyyaani isa guute tanaafi gochiti ch'ufti maqa isaatini d'uga argatti.


AABBO Waaqi guddaani yayu lubbu isaatini na guute. Inni yayu na muude na erge, aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeese, nama guddo garaani laalala qabu fayyise, nama hid'aansa keesa jiru ha hiikhaani jed'e, nama hid'anile hiikha.


waan jed'e, Me ilaala, anini gubba banamtu arga, Ilma Nama harka mirgicha Waaqa oleju arga.


Guyya shaneeso, jia afreeso, ka ganna soddomeeso, anini, qaalluuni Ezekielini, ilmi Buzi, worra Yahudi ka boojiani woliini, d'aatu galaana Kebari lafa Babiloni jira. Duuba gubani banamte jennaani daayya keesa Waaqa arge.


Nami Waaqi erge suni dubbuma Waaqa ch'alla dubbata, waan Waaqi Lubbu ufi ch'ufa isaa kennuufi.


Anini wold'aqisa isani woliini tolfad'a; anini yayu irre tiyya isanii kenne, dubbi tiyya isani barsiise; armaa achi isani naa saalfatani, ijoolle teesaniifi d'aloota worrale barsiiftani aka haga jiru jireenna worri naa saalfatu.


Jennaani waan jed'eeni, D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Armaa achi gubba banamte, malaika Waaqa ta oli gadi yaate Ilma Nama ira buutu agartani.


Yeso Kristoni d'iigafi bisaaniini d'ufe. Inni bisaani ch'allaani ind'umne ammo bisaanifi d'iigaani d'ufe. Aka wonti kunini d'uga Lubbuleeni yayu himte, maro Lubbuuni d'ugatiifi.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite