Yesoni duuba Qaallu Gudda, ka fed'i teenna ch'ufa nuu guutu! Inni qulqullo, wollaalafi daba tokole inqabu; isa ya worra ch'ubbutiini gargari basaani, gubbati olgeesani.
Tanaafi worri AABBO Waaqati bohe waan jed'eeni, Ee AABBO Waaqa, nu si kad'anna, nama kanaa jette nu imballeesini; d'iiga nama woma iyyakiini kana nura inkayini. Ee AABBO Waaqa, nami waan kana ch'ufa tolchu siuma; wonti kunini ch'ufti woma atini tolchite.
Ammo waan toko hubad'a: yo na ijeeftani, isanifi nami dira kana yayu nama woma iyyakini ijeeftani wollaala seentani; wonti akanatiifi nami na erge dubbi suni, worra kanati himi nani jed'e, AABBO Waaqa.