26 Ato sagale nyaatanu, Yesoni qit'a fuud'e, galata deebise, ch'ach'abse, jara ufiti kenne waan jed'eeni, Kunini nafa kiyya, hood'a, nyaad'a.
Guyya qara ka torbaani nu woli woldeenne qit'a ch'absine. Pauloni worrati hasae, aka kaisa boriyyaati kurfefatu haga saa jaa ka halkani hasae.
bisaani mama sunuma d'uge; wonti akanatiifi d'akha mama ka worra gula deeme keesaa bisaani d'ugani; d'akhaani suni Kristo.
Guyya ch'ufa Mana Waaqa keesati wolwoldaani sagale mana woli keesati nyaatani garaa gammadatiifi d'ugaatini woliini taani,
Worra woliini sagale nyaatani tataani, jennaani qit'a fuud'e eebise, ch'ach'abse qoode.
Inni qit'a shanifi qurt'umi lamaani taani guure, gubba olmillate, eebise, qit'a ch'ach'abse, jara isati kenne, aka biyya gololchani. Ammalle qurt'umi lamaanile biyya ch'ufaa qoode.
Duuba, Buuyo ira tataa biyyaani jed'e, qit'a shanifi qurt'umi lamaani taani guure, gubba olmillate, Waaqa galata deebise, duuba ch'ach'abse, qit'a kaani jara ufiti kenne; worri biyya qoode.
Mudunu fuud'e, galata deebise, worrati kenne waan jed'eeni, Isaniini ch'ufti d'uga.
Jennaani inni mudunu fuud'e eebise waan jed'e, Kana fud'ad'a qoodad'a;