10 Yesoni waan worri jed'e beennaani waan jed'eeni, Isani maafi teetani niiti tana gaargalchitani? Wonti isiini naa tolchite kunini guddo dansa.
Jechi kunini ka d'ugaati. Anini sii waan kana aka dansa jabeesitu fed'a, aka worri Waaqa d'ugefatu ch'ufti huji dansa jabeese hojatu. Wonti kunini waan dansa, nama ch'ufayu ira jirti.
Waaqi nagayaa waan dansa ka isani feetani ch'ufa isanii kenniina, aka fed'i isaa tolchitani; ammalle inni Yeso Kristo keesa waan isaa gammachiisa nu tolchisiisiina. Guddinni haga hegeri gara Kristo ha tahu! Amini.
Biyya teenna aka huji dansa tolchani aka waan fed'ani argatani barsiisi, ufuma intataiina jed'iini.
Gumi teetiini, Dubbi jara lafa fidutiifi ta worra gugurda ch'aqasa, guuta, waan dansa ch'ufa tolcha jed'i qaabsiisi.
Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.
Waaqa beenna ufiini jed'ani, ammo hujiini worraa ind'areesiti. Worri nama jibbani, namale inch'aqasu, waan dansa tokole dandae intolchu.
Yo nami waan hamtu ch'ufa iraa ufi d'owe ufi qulqulleese, nama suni waan jabdu dandaani isani tolchani, waan inni aka huji dansa ch'ufa hojatu ufi baase abba ufiiti wo bahefi.
ammalle duri huji dansa hojatte gurra dansa qabaachu malte: niiti ijoolle ufi aka dansa guddifatte, keessuma gololchite, miila gumi Waaqa d'it'e, nama gaargala qabu qarqaarte, ufi baafte, huji dansa ch'ufa hojatte ha taatu.
Jechi kunini ka d'ugaati, yo nami jaarsa gumi Waaqatiini deemu tahu fed'e, inni waan dansa barbaada.
garaa keesani jabeese isani kibina, aka waan dansa ch'alla dubbattani tolchitani.
Yoosi aka Aabbooni fed'u teetani, hojja ch'ufa waan inni jaalatu tolchitani. Jireenni keesani waan isani hojattani ch'ufa keesati mid'aani baasa, isanileeni beekhuma Waaqa keesa guddattani.
Nu uumama Waaqaati, ammalle Kristo Yeso keesa inni ya nu uume, aka huji dansa ta inni herege nu kurfeese ke teennu.
Armaa achi, nami tokoleeni na ingaargalchiini; wonti akanatiifi gadaanisi nafa kiyya aka anini tisse Yeso agarsiisa.
Yo sila worri isani gaargalchu ufi kolaase ira dansayu!
Oduuni d'ibiini injirtu, ammo anini waan kana, waan nami gari ka isani gaargalche odu Kristo garagalchu fed'u jiruufi jed'e.
Waaqi waan isani feetani ira isanii kennu indandaa, aka isani waan feetani ch'ufa argattani ammalle ira isanii haftu, aka huji dansa ch'ufaani guutattani.
Yesoni waan jed'eeni, Isii iraa ch'allisa, maani iraa qabdani? Isiini waan dansa naa tolchite.
Isani maafi d'ara dubbattani? Waan d'arti teesani Waaqa wobaatu seetani?
Anini aka Waaqi na eebise na qarqaareefi waan hayyuuni nani jed'ele iti hime. Worri waan jed'e, hayye, koota, injaara! Duuba hojuma suni kurfahani, huji jala qabatani.
Adabi keesani gara worra Waaqa imbeenne ha dansa tahu, aka yo worri hameenna isani himate, huji teesani dansa argani, duuba Guyya d'ufiisa Waaqa isa faarsani.
D'ad'a kana sila beese guddoti gurgurani hiyyeeyi qoodu dandaani jed'ani.
Hiyyeeyiini guyya ch'ufa isani woliini jirti, ammo anini guyya ch'ufa isani woliini injiru.
Ato Yesoni tae hasau, nami toko gara mana Yairoti d'ufe waan jed'eeni, Intalti tante yayu doote, laki, Aabbo ingaargalchiini.