12 Nama ufi guddisu indiqeesani, ammo nama ufi diqeesu inguddisani.
Akasuma isani kaimi, jaarole saalfachu maltani. Nami ch'ufti ha ufi diqeese woli hojatu; wonti akanatiifi Waaqi worra ufi guddisuuni morka, ammo ka ufi diqeesu ineebisa.
Ammo eebiti Waaqi namaa kennu hagasi ira jabdu. Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Waaqi nama ufi guddisu dide, ka ufi diqeesu eebisa.
Wonti akanatiifi nami ufi guddisu ch'ufti indiqaata, ammo nama ufi diqeesu inguddisani.
Kiyyibi si balleesa, ammo yo atini kiyyibu baate gurra dansa argata.
Waan anini isaniini jed'u, Namichi kuni nama kaani ira mana ufiti d'ugaani gale. Wonti akanatiifi nami ufi guddisu indiqaata, ammo ka ufi diqeesu inguddisani.
Nama aka daima kana ufi diqeesuti Finna gubba keesati nama ch'ufa ira gudda.
AABBO Waaqa sodaachani qarooma daracha. Nami guddinna barbaadu ufi guddisiti lakisu male.
Ayyaana worra aka garaa keesa hiyyeeyi ufi beekhu: Finni Waaqa ka worraati!
Amma anini, Nebukadrezani, hayyu gubbaa faarse ulfeese guddisa, hujiifi karaani isaleeni ch'ufti ka d'ugaati. Inni nama ufi guddisu ch'ufa dandae kiyyiba iraa kuta.
Waaqi nama ufi guddisu diqeese, nama ufi diqeesu baasa.
Anini Waaqa gudda, qulqullo, haga jirule tau. Anini gubba fulla qulqullo taa, ammo nama ch'ubbu iraa deebie ufi diqeesule woliini taa, aka akasiini garaa worraa jabeese abdi kennuufi.
Ato atini gubba olfago jiraatele atini hiyyeesa qorqorate, kiyyibaleeni dandae si dura ind'okhatu.
Harka Waaqa jalati ufi diqeesa duuba, aka inni, yo hojjaani geete, isani guddisu.