Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Matayo 21:41 - KITAABA WAAQA

41 Worri waan jed'eeni, Inni d'uguma worra daba suni fit'eti, oobru nama d'ibiti kenna, ka qooda mid'aani yo hojjaani geete, isaa kennu.

Gade chapit la Kopi




Matayo 21:41
38 Referans Kwoze  

Yahudiini isa didde arabsinaani, inni woya hargufate waan jed'e, D'iigi keesani mata keesani gubba ha jiraatu, anini qulqullo, arraa achi anini gara gosa d'ibi deema.


Tanaafi anini isaniti hima, Finna Waaqa isani iraa fuud'ani worra mid'aani dansa baasuuti kennani. [


Tanaafi isani beekad'a, baafami Waaqa gara gosa d'ibi layu d'ufe, ammalle worri inch'aqasa! [


Eegad'a duuba, nama dubbatu ch'aqasu indidiina. Yo worri gaafa inni lafa keesati dubbate ch'aqasu dide imbaafamini, nuleeni dandeenne imbaafamnu, yo ka gubba nuti dubbatu ch'aqasu dinne.


akamiini dandeenne baana, yo nu baafama akana kana injabeesine? Aabbooni baafama kana qara yayu hime, worri isa d'agaye, aka isiini d'uga aka dansa nu beesise.


Worri dubbi baafama namaa kennitu aka gosa d'ibiti hasoomnu nu d'owu fed'e. Dabi worri guyya ch'ufa tolchu la ammatana muumme bahe. Amma eege dalansuuni Waaqa ya worra d'aqabde.


Abbaani Publio fayya d'abe qannate d'iiga albahe. Pauloni fulla isaa olseene Waaqa kad'ate, harka isa ira kaye isa fayyise.


Eegi dubbi guddo wolmormani, Petroni olkae waan worraani jed'e, D'iiro, oboleyaani isani imbeetani, aka gaafa qara Waaqi isani keesaa na fohate, aka afaani kiyyaani nami gosa d'ibi dubbi Odu Dansa d'agaye d'ugefatu.


Hafareeni isaa harka isaa keesa jirti. Oobdi ufi inqulqulleesa, dargaye wolti qabe khod'oti naqa, ammo qola ibida haga jiru ind'aamneti naqa.


duuba lafa tana ch'ufa keesa nama sadi keesaa nama lama balleesani.


Worri lafa keesa jiru ch'ufti koba kobaa boha: worra Daudi iraa bahe, ka Nathani iraa bahe, ka Lawi iraa bahe, Shimei iraa bahe, ammalle worri kaani ch'ufti akasuma boha. Worri ch'ufti koba kobaa boha, nami d'iira ka worraa ch'ufti koba bohe, nad'eenileeni kobati booti.


Eegi bari sunini dabre, namicha Waaqi fohate kaani akanumati ijeesani wollaala male. Duuli hayyicha jaba toko lafa suni had'e dirafi Mana Waaqa balleesa. Duuba muummeeni akuma lolaa fach'aate, woraanafi badi Waaqi kurfeeseni d'ufti.


Atini ule sibiilatiini worra ch'ach'absite; aka okote faara gargari bulleesita.


Gumiini anini fohad'e maqa keesanini nama abaarti. Ana, AABBO Waaqa guddati, isani fit'a; ammo nama naa saalfatu maqa haareesa kennaafi.


Yoi zabibu murani geennaani, inni tissele ufi erge, aka qooda mid'aani argatu.


Yesoni waan jed'eeni, Abbaani oobru, yo d'ufu, maani worra oobru qorqoratu kana tolcha seetani?


Inni d'ufe hojattu taani balleese oobru nama d'ibiti kenna. Biyyiti waan kana d'ageennaani waan jette, Waan hamaati!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite