Yahudiini isa didde arabsinaani, inni woya hargufate waan jed'e, D'iigi keesani mata keesani gubba ha jiraatu, anini qulqullo, arraa achi anini gara gosa d'ibi deema.
Eegad'a duuba, nama dubbatu ch'aqasu indidiina. Yo worri gaafa inni lafa keesati dubbate ch'aqasu dide imbaafamini, nuleeni dandeenne imbaafamnu, yo ka gubba nuti dubbatu ch'aqasu dinne.
akamiini dandeenne baana, yo nu baafama akana kana injabeesine? Aabbooni baafama kana qara yayu hime, worri isa d'agaye, aka isiini d'uga aka dansa nu beesise.