39 Duuba isa qabani, oobru keesaa baasani ijeesani.
Waaqi, fed'ifi beekhuma ufi gula, ya aka Yeso harka keesaniti kennani buufate; isani isa fanniftani, harka nama dabaatiini ijeeftani.
Isani ya nama woma iyakini ka ufi iraa isani d'owu indandeenne, wollaala iti murtani ijeeftani.
Raaga kami ka ababooti teesani ingaargalchiini? Ammalle worri ergattu Waaqa, ta d'ufiisa Nama d'uga himu d'ufte, ijeese. Isanileeni ammatana isa gurgurtani ijeeftani.
Jennaani askartiifi namicha gudda worraatiifi hojattuuni Yahudiini ergite Yeso qabde hiite.
Worri Yeso qabe, mana Kayafatiini isa d'ufani, fulla jara Seera beekhufi jaaroleeni iti wolwoldeete.
Waaqi ababoota teenna, Yeso ka isani ijeeftani mukha irati fanniftani kaase.
isaniini ch'ufti beekhu maltani, ammalle gochiti Israeli ch'ufti hubachu malte, namichi kunini jabeenna maqa Yeso Kristo Nazareti, ka isani ijeeftani Waaqi duisa keesaa kaaseeni fayya ufitiini isani dura eja.
Duuba Anasini Yeso ka hid'aansa qabu Kayafa qaallicha guddati erge.
Yesoni waan jed'eeni, Jaali, waan feetu hurrisi tolchi. Jennaani d'ufani Yeso jabeesani qabani.
Ammo worri oobru qorqoratu kaani ilma arginaani waan woliini jed'e, Ilmi abba oobru kana, koota inijeemna; duuba d'aala ch'ufa imfud'anna.
Yesoni waan jed'eeni, Abbaani oobru, yo d'ufu, maani worra oobru qorqoratu kana tolcha seetani?