14 Ballafi naafi ch'ufti Mana Waaqa keesati isati d'ufe, inni worra fayyise.
aka Waaqi Yeso Nazareti Lubbu Qulqullofi jabeennaani muude, isani imbeetani. Inni fulla ch'ufa dedeeme waan dansa tolche, nama Sheet'ani gaargalche ch'ufa fayyise, waan Waaqi isa woliini jiruufi.
Duuba Yesoni achi deeme diraafi ollowaanifi maneeni Waaqa iti kad'atani keesati Odu Dansa ta Finna odeese, d'ukubafi fayyad'aba ch'ufa fayyise.
Yesoni Galilaya ch'ufa keesa dedeeme Maneeni Waaqa iti kad'atani keesati nama barsiise, Odu Dansa ta Finna odeese, d'ukubafi miid'ama gosa ch'ufa nama fayyise.
Gaafasi ballaani lafa arge, duudani wo d'agaye.
Qaalole gugurdofi jari Seera beekhu waan dansaa inni tolcheefi ijoolle Mana Waaqa keesati iyite, Ilmi Daudi ha guddifamu jettu d'ageennaani dalanani.