Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Matayo 2:11 - KITAABA WAAQA

11 Mana seenani gurbafi Mariamu haad'a isaa argani, isa durati jigani isa guddisani. Subba ufi banani worqifi hit'anafi qayya kennanifi.

Gade chapit la Kopi




Matayo 2:11
33 Referans Kwoze  

Geejibi gaalaa hedduuni ka lafa Midianitifi Efa d'ufe, worri Shebaleeni worqifi hit'aanaani d'ufe, odu dansa ta waan AABBO Waaqi tolche odeesani!


Hayyooti Tarshishitifi ta lafa d'aatu bisaani jirtuleeni damoosa isaa baafti. Hayyooti Araftitifi ta sidaama woi isaa baafti.


Duuba titimaani yaani Mariamufi Yusufufi daima gombo keesa rafisani argani.


Koota, isa durati gajenne kad'anna, AABBO Waaqa nu uume durati jilbifanna!


Lubbuuni hayyu ha d'eeratuti! Worqi lafa Arafti ha isaa kennaniti; hojja ch'ufa ha Waaqa isaa kad'atani, inni eeba Waaqale ha argatuti!


Isiini namafi geejiba gaala hedu, ka qumbifi d'akhaaye ch'uch'ulut'ufi worqi muumme inqamne baatu woliini d'ufte. Isiini Solomonini woli arginaani waan garaa qabdu ch'ufa gaafate.


Anini miila isiti jige isii guddise, ammo isiini waan naani jette, Lakisi, anini hojattuma aka keetiiti, ammalle aka oboleyaani teeti, worra d'uga Yesoni mullise jabeesu ch'ufa. Waaqa guddisi! Wonti akanatiifi d'uga Yesoni mulliseti raagoota dubbachiisa.


Jari hobolo keesa jiru isa guddise waan jed'e, D'uguma atini Ilma Waaqaati.


Isiini akasi tolchinaani wonti lubbu qaba afraani kaanifi, jaaroleeni diddami afuri taani Ilme Hoola durati jidde. Worri ch'ufti kiraarifi qori hit'aana ta kad'acha gumi Waaqa harka qaba.


Isiileeni hojuma suni d'ufte Waaqaa galata deebifte, waan gurba diqa kana nama baafama Yerusalemu eegatu ch'ufati odeesite.


ammo nami waan yaku male waan d'ibi imbeenne waan jed'e, Nami kunini maani nu baha? Worri Saulo tufate woma kennuufi dide.


Duuba inni ha mid'aani daakhanifi d'ad'afi hit'aana waan suni gubba jirale fuud'e, waan mesa fakaata irati gubuti, aka akasiini aka waan kana ch'ufa AABBO Waaqa iraa argatani garsiise, ch'inch'aani isi AABBO Waaqa gammachiiftu.


Jennaani AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Qayya urgaa kana — haanch'a dakaratiifi waan aka urgo urgooftufi qumbifi hit'aana dansa ch'ufa, ka haga taka, fuud'i.


Abbaani waan worrani jed'e, Yo akasi male intaatu jettani, waan lafti teenna baaftu dansa ch'ufa, ta aka hampefa, dammafa, qumbifa, waan aka ogomdifa qolaatifa guura, namicha guddaa geesa.


Maqaani kiyya, gosa ch'ufa durati, ka haga muumme lafa tana eje taaniti eju, inguddata. Ammalle fulla ch'ufa maqa kiyyafi hit'aana aarsani sorio qulqullo baasani. Wonti akanatiifi maqaani kiyya gosa ch'ufa durati gudda.


mana hayyu ka ilka arbaatini barreesani keesati kiraari d'aani si faarsani.


holad'a, isa durati ga jejed'a; aka inni hurre isaniti dallane, isani yoosu indoone. Ayyaana worra AABBO Waaqati d'eete qarqaarsa ira barbaaduti.


Isiini waan d'ufteeni ch'ufa Solomonii kennite: Worqi haga kilo kuma afurifa, ammalle qumbifi d'akhaaye ch'uch'ulut'u muumme inqamne. Taka nami haga qumbi isiini kenniteefi suni inkennineefi.


Qayya qayya ch'ufa ira urgau, qumbi kilo jaatiifi qunch'e birreesa ta kilo sadi, ammalle kilo sadi ta qund'i,


Wonti aka aara ka lafa gamoojiti gad'ufa, ka aka qayyafi hit'aana daldaltuni gurgurtu urgaa kunini maani?


D'alooti Yeso Kristo akana tahe. Gaafa Yusufuni haad'a isaa Mariamu kad'ate, ato worri d'iirsafi niiti intahiini, isi Lubbu Qulqullooni garaachoofte argani.


Urji arginaani guddo gammadani qilit'amani!


Ato inni tae hasau, haad'afi oboleyaani isaa ala ejaanjani isaani dubbachu fed'ani.


Nikodemoni ka halkaniini Yesoti d'ufe qayya haga kiilo sodoma qumbiifi hargeesa wolti naqe d'ufeeni.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite