Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Matayo 16:13 - KITAABA WAAQA

13 Duuba Yesoni lafa Kaisaria Filipi d'umnaani, jara isaa gaafate waan jed'eeni, Biyyiti, Ilmi Namatiini eennu jetti?

Gade chapit la Kopi




Matayo 16:13
23 Referans Kwoze  

Daayya suni keesa anini waan nama fakaata arge. Inni, ka dumansa keesa deemu, nati gadi d'ufe, namicha haga jiru jireenna jiru kaaniti qajeele, jennaani isa duraani d'ufani.


Inni yayu jabeenna qorsuma kenneefi, waan inni Ilma Nama taheefi.


Ammo aka Ilmi Nama lafa keesati jabeenna daba nama araaramuuni qabu hubad'a. Jennaani inni waan namicha naafa kaaniini jed'e, Kai, sire tante fud'ad'u, worrati gali.


Yesoni waan jed'eeni, Nami mid'aani dansaa fach'aasu Ilma Namaati;


Wonti akanatiifi Ilmi Nama gudda Sabatooti.


Yeso waan jed'eeni, Geedalti goda qabdi, simpirreleeni mana qabdi, ammo Ilmi Nama fulla mata ufi keyatu inqabu.


aka Waaqi Yeso Nazareti Lubbu Qulqullofi jabeennaani muude, isani imbeetani. Inni fulla ch'ufa dedeeme waan dansa tolche, nama Sheet'ani gaargalche ch'ufa fayyise, waan Waaqi isa woliini jiruufi.


waan jed'e, Me ilaala, anini gubba banamtu arga, Ilma Nama harka mirgicha Waaqa oleju arga.


Gumiini waan jetteeni, Nu yayu Seera keesati soomne aka Kristoni haga hegeri tau. Atini akami Ilma Nama lafa tana olfuud'u malani jette re? Ilmi Nama kunini eennu kana?


Wonti akaatifi Ilmi Namaleeni aka hojataniifi ind'umne ammo aka namaa hojate, jireenna ufi maro nama heddutiifi baasuufi d'ufe.


Yo nami tokoleeni anaafi dubbi tiyya dide, d'aloota hama Waaqa didu kana keesati, Ilmi Namaleeni isa indida, gaafa inni guddinna Abba ufitiini d'ufu, malaika qulqullo woliini.


Guyya Ilmi Nama guddinna ufitiini d'ufu malaika ch'ufa woliini, inni barch'uma guddinna ufi gubba tae,


Yesoni achi kae lafa Tirotiifi Sidoni d'aqe.


Ilmi Nama malaika ufi erge, isiini Finna isaa keesa waan daba ch'ufaafi worra hameenna tolchu ch'ufa wolti guurte,


Nami Ilma Nama miid'u araarama argata; ammo nami Lubbu Qulqullo miid'u haga jiru jireenna araarama inargattu.


Akuma Musani lafa gamoojiti bofa fannise, akasuma Ilma Nama fannisu malani,


Jennaani waan jed'eeni, D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Armaa achi gubba banamte, malaika Waaqa ta oli gadi yaate Ilma Nama ira buutu agartani.


Akuma Yonani guyya sadifi halkani sadi garaa qurt'umi keesa tae, akasuma Ilmi Namaleeni guyya sadifi halkani sadi boola keesa taa.


Ilmi Nama malaika ufi woliini guddinna Abbaatiini d'ufa, duuba nama ch'ufa huji isaa gula waan isaa male kennaafi.


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Jara arma ejaanju kana keesa nama haga Ilmi Nama guddinna ufitiini d'ufuti indooneti jira.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite