51 Waan kana ch'ufa hubattani? Worri, Ee jed'eeni.
Inni mammaasa male worrati inhasoomne; ammo kobati jara ufi waan ch'ufa barsiise.
Yo nami dubbi Finna d'agaye inhubatiini, hamaani kaani d'ufe, waan garaa isaa keesati fach'aasani kaani keesaa fuud'a. Kunini mid'aani d'aatu kara jige.
Yesoni waan worraani jed'e, waan Finna gubba ka d'ossani ya isani barsiisani, ammo worra imbarsiimne.
Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.
Inni waan jed'eeni, Isanileeni imid'aafanne? Isani inargitani, aka wonti ala nama seena dandeete nama int'ureesine,
Isani waan jibbani, ta nama rifachiisa, ta fulla qulqullo ejitu, ta raagi Danielini waan isii dubbate ya argitani (nami soomu ha hubatu)
Akami inhubanne re aka anini waan qit'a dubbachuti injirre? Bukho Farisayootiifi ta Sadukayo eegad'a.
Aka wonti afaani seene garaati dabarte gadi baatu imbeetani?
Ibida balaliuti guurti, achiti bohani ilkaani qarani.
Yesoni waan worraani jed'e, Tanaafi nami seera beekhu ka waan Finna gubba barate, aka abba worraa ka subba ufi keesaa waan hareesafi dullacha baasu fakaata.